Tamsaasa Kallatti:

Jijjiiramni qonnaa Godina Boorana Bahaa keessatti adeemsifamaa jiru kun imala Itiyoophiyaan gara wabii nyaataan of danda’uutti taasiftuuf ragaa guddaadha - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad

Caamsaa 19/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. ABIYYI Ahimad jijjiiramni qonnaa Godina Boorana Bahaa keessatti mul’achaa jiru Itiyoophiyaan gara nyaataan of danda’uutti imala taasiftuuf ragaa guddaadha jedhan.


 

Ministirri Muummee ergaa isaaniin yeroo kana qofa keessatti qonnaan bultoonni ciccimoon lafa heektaara kuma 176 fi 223 ol misoomsaa kan jiran yoo ta’u, kana keessaa kuntaala miiliyoona 3.1 ol oomishuuf akka eegamu beeksisaniiru.

Hojiin misooma qonnaa kun maatii kuma 101 ol hirmaachisuun tiraaktaroota ammayyaa fayyadamuun hojjetamaa akka jiru Ministirri Muummee ibsuun, “Qonna kilaastaraan qindaa’een dandeettii qabnu gara oomishtummaatti jijjiiraa jirra” jedhan.


 

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad akka ibsanitti, kilaastara qamadii bal’aa Godina Boorana Bahaa Aanaa Liiban keessatti argamu irraa kaasee hanga midhaan gurguddaa xaafii, boqqolloo fi Boloqqeetti, dhiyeessii nyaataa biyya keenya keessaa mirkaneessuuf imala irra akka jirru ragaa agarsiiftuu ta’uu dubbataniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015