Tamsaasa Kallatti:

Hawaasni muslimaa ayyaana Arafaa wal-gargaaruufi waliif yaaduun kabajuu akka qabu ibsame

Caamsaa 18/2018(ENA) : ‎Pirezidaantii Itti Aanaan Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Sheek Muhammad Shariif hawaasni muslimaa ayyaanaa Iid Al-Adahaa (Arafaa) wal gargaaruufi waliif yaaduun akka kabaju ibsani.

‎Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) 1447ffaa boru kabajamu ilaalchisee ibsa kenneera.
‎Ibsa kennaniin Pirezidaantii Itti Aanaan Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Sheek Muhammad Shariif hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ayyaana Arafaa waggaa 1447ffaan nagaan geessan jedhaniiru.

Waan aadaa ayyaana Iid Al-Adahaa wal gargaaruufi waan qabanirraa waliif qooduudha kan jedhan pirezidaantichi, musliimotni yeroo ayyaana kana kabajan akkuma ofii isaanii obboleewwan naannawaa isaanii jiraniifis yaaduu akka qaban dhaamaniiru.

‎Keessattuu lammiilee humna hin qabne gargaaruun tokkummaa hawaasummaa qabatamaan agarsiisuu akka qaban ibsaniiru.
‎Hawaasni muslimaa yeroo ayyaanaa kanaa wal gargaaruufi waliif yaaduun akka kabajuu qaban dhaamaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015