Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaaleetti Pirojektoonni Misoomaa garaa garaa eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’an - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaaleetti Pirojektoonni Misoomaa garaa garaa eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’an
Caamsaa 18/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaaleetti Pirojektoonni Misoomaa garaa garaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
Aanichatti pirojektoonni baajata Mootummaa fi hirmaannaa hawaasaan hojjetaman 18 qarshii miiliyoona 186 oliin ijaaramaan xumuramuun tajaajilaaf ga’aniiru.
Sirna eebbaa kanarratti Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaa Biiroolee Oromiyaa obbo Huseen Fayyisoo, Itti Aanaan Bulchaa Godina Shawaa Kaabaa obbo Gabayyoo Habtee dabalatee , hoggantoonni Godinaa fi Aanaa akkasumas keessummoonni garaa garaa fi kutaan hawaasaa adda addaa argamiiru.
Sagantaa eebbaa kanarratti Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaa Biiroolee Oromiyaa obbo Huseen Fayyisoo bu'uurri mootummaa gurmaa'insa Gandaa ta'uu fi iddoowwan hawaasni tajaajila si'ataa,ammayyaa'aa, qulqullina qabuu yeroon barbaadu argatee jireenya gaarii itti jiraatu ta’uu ibsaniiru.
Itti Aanaan Bulchaa Bulchiinsa Godina Shawaa Kaabaa obbo Gabayyoo Habtee mootummaan jijjiiramaa waggoottan saddeettanitti biyya hirkattummaa jalaa baasuuf innisheetivoota bocee hojiitti hiikuun jijjiiramni guddaan argamuu dubbataniiru.
Waajjiraalee Gandoota dabalatee Piroojaktoonni garaagaraa Aanicha keessatti ijaaramaa turan gaaffii fi fedhii hawaasaa deebisuun rakkoolee kenniinsa tajaajila bu’uura irraa kan hiikan ta’uu Bulchaan Aanaa Waacaalee obbo Siyyum Kabbadaa ibsaniiru.
Waajjira koomunikeeshinii Aanaa Waacaaleerraa