Tamsaasa Kallatti:

Itiyoo-Teeleekom abbootiin aksiyoonaa, aksiyoona isaanii gabaa maallaqaafi boondii keessatti akka bulchan, akka bitani fi akka gurguran taasisu ifoomse.

Caamsaa 18/2018 (ENA): Dhaabbata misoomaa mootummaa irraa gara Waldaa Aksiyoonaatti kan ce'e Itiyoo Teeleekoom, gurgurtaa aksiyoonaa harka 10 gaggeesse irratti namoonni kuma 47fi 377 hirmaachuu ibse.


 

Dhaabbatichi ibsa miidiyaaf kenneen, gurgurtaa aksiyoonaan abbootiin aksiyoonaa Kuma 45 abbaa qabeenyaa dhaabbatichaa ta'uu ibse.

Sirna ifoomsuu irratti kan argaman Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Dhaabbata Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruu, aksiyoonni Miliyoona 10fi Kuma 700, Birrii Biliyoona 3fi Miliyoona 200’tti gurguramuu himan.

Aksiyoona gurgurame keessaa bittaan namoota Kuma 45 mirkanaa'uu kan himan Aadde Firehiwoot, kanaanis aksiyoonni Miliyoona 10fi Kuma 100 kan Birrii Biliyoona 3’n bitameen abbaan qabeenyummaa dhaabbatichaa abbootii aksiyoonaaf mirkanaa'uu ifoomsaniiru.

Sababa ragaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa "Fayda" guutuu ta'uu dhabuutiin namoota kuma tokkoofi 646 aksiyoonni isaanii ammatti kan hin mirkanoofne wayita ta'u, iyyattoonni lammiilee biyya alaa 248, aksiyoona Itiyoo Teeleekom bituuf ulaagaa waan hin guunneef, maallaqni isaan kaffalan mirkanaa'ee kan deebifamuuf ta'uus Aadde Fireehiwoot himaniiru.

Yaa'iin Waliigalaa Abbootii Aksiyoonaa Itiyoo Teeleekoom jalqabaas bara 2019 ji'a Fulbaanaa keessa kan taa'amuu ta'u Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Dhaabbata Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruu himaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015