Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti Ganna baranaa biqiltuun shaayii miiliyoon 42 ol ni dhaabbata

Caamsaa 18/2018 ENA Naannoo Oromiyaatti Ganna baranaa biqiltuun shaayii miiliyoon 42 ol kilaasteraan akka dhaabamu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibseera.

Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daayirektara Muduraa kan ta’an obbo Chaalaachoo Addunyaa ENA’f waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, hojiin kun muuxannoo hojii waggoota darban keessatti argaman irratti hundaa’uun kan adeemsifamu ta’uu isaati.


 

Kanaanis hanqinaalee kanaan dura mul’atan hiikuun, bara kanaaf biqiltuu gahaa ta’e qopheessuun gara hojii dhaabbiitti seenamaa jiraachuu eeraniiru.

Hojii misooma baala shaayii kana milkeessuuf caasaalee jiran hunda biratti hubannoon uumuun danda'ameera jedhan.

Biqiltuun qophaa’e haala qabatama qilleensa naannichaa irratti hundaa’ee akkamitti akka dhaabamuufi kunuunsi akkamii taasifamuuf akka qabu boqonnaa qophii keessatti xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa akka jirus himaniru.


 

Misoomni baala shaayii kun bal’inaan godinaalee sadii keessatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, godinaaleen kunneen Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi Buunnoo Baddallee ta’uus eeraniru.

Obbo Chaalaachoon akka jedhanitti,naannichatti barana biqiltuu shaayii miiliyoona 100 fi miliyoona 22 qophaa’e keessaa, miliyoona 42 kan dhaabamu yoo ta’u, biqiltuun kunis lafa hektaara kuma 3 fi 168 irratti ni misooma jedhan.

Naannichatti hanga ammaa misoomni shaayii lafti hektaarri kuma 2 fi 700 kan haguugame ta’uu himanii, misooma kana irraa lafa hektaara kuma 1 fi 280 ol yeroo ammaa oomisha kennaa jiraachuu himaniiru.

Misooma kanan qonnaan bultoonni seekteroota jiran keessaa itti kan hirmaatanii fi caalaatti fayyadamoo gochuuf qonnaan bultoota giddu galeessa kan godhatee ta’uu himanii,walitti hidhaminsa gabaa uumuuf karoorfamee xiyyeeffanno guddaan hojjetamaa jiraachuu dubbatani.

Hojiin misoomaa kun bu’aa qabeessa akka ta’uuf, lafti misoomaaf malu guutummaatti kilaasteraan kan adda bahe ta’uu eeranii, biqiltuuwwan buufata keessatti qophaa’anis yeroo ammaa sadarkaa dhaabbii irra gahuun isaanii kan mirkanaa’e ta’uu himaniiru.

Naannichatti misoomni baala shaayii kun biyyee dhangaggaa’aa dandamatee omishaa kennuu kan danda’u akka ta’ee himanii, kutaalee naannicha biroo keessatti qorannoon deeggaruun sochiin taasifamaa jiru hoijirra oolaa kan jiruu ta’uus dubbataniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015