Tamsaasa Kallatti:

Ajajni Bahaa ergama heera mootummaa isaa bahuudhaan fedhii nageenyaa fi misooma uummata keenyaa milkeesseera- Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa

Caamsaa 18/2018(ENA):Ajajni Bahaa ergama heera mootummaa itti kenname bahuudhaaf bobbii inni taasise fedhii nageenyaa fi misooma ummataa milkeessuu isaa Ajajaan Olaanaan Ajaja Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa ibsaniiru.

Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa akka dubbatanitti, Ajajni Bahaa naannolee itti bobba’e kanneen akka Gojjam Kaabaa, Gojjam Lixaa, Godina Bulchiinsa Sablammii Awwii fi Godina Gondar Kibbaatti diina irratti tarkaanfii cimaa fudhachuun finxaaleyyii fi gantoota kan dhabamsiise yoo ta’u, heera mootummaa haala amansiisaan eeguudhaan abdii ummatummaa isaa ajaja hojiidhaan mirkaneessedha jedhaniiru.

Hojii qindoomawaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaa fi humna nageenyaa naannichaan tarkaanfii cimaa garee finxaaleyyii irratti fudhatameen, yeroo amma raayyaa ittisaa dura dhaabbachuu dadhabee, boolla seenee jira jechuuf qofa olii fi gadi jechaa jira jedhaniiru.

Gareen finxaleyyii ergamaa ta’e kun diinota seenaa keenyaa wajjin qindoomina uumuun Itiyoophiyaa mootummaa maleeyyii gochuuf ifaajus, gootummaa hawaasa misooma jaallatuu fi humna nageenyaatiin kaayyoon isaa guutummaatti fashalaa’uu danda’eera jedhan.


Kanaafuu, humna ergamaa kana bakka dhokatee jiruutii baasanii dhabamsiisuuf qabsoo seera kabachiisuu taasifamu keessatti, ummanni eeruu kennuu barame taasisuudhaan itti gaafatamummaa lammummaa isaa akka bahu waamicha dhiyeessaniiru.

Waltajjicharratti kan argaman Naannoo Amaaraatti Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidantiitti Qindeessaan Damee Baadiyyaa Doktor Diras Saahiluu, hojii Ajajni Bahaa fi humni nageenyaa naannichaa hojjataniin naannichi gara nageenya isaa kan duraatti deebi'aa jiraachuu ibsaniiru.

Hawasnis ilaalcha dogongoraa raayyaa ittisaa irratti dhiyaachaa ture dhabamsiisuun, piropaagandaa finxaaleyyiitiin osoo hin jilbeeffatiin hojiiwwan misooma naannichaa bal’inaan itti fufsiisaa akka jiru Doktor Diras ibsaniiru.

Marii waliinii gaggeeffame kanaan Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidantiitti Qindeessituu Damee Hawaasummaa Doktor Mulunash Dassee, hoggantoonni olaanoonii fi gaggeessitoonni Ajaja Bahaa argamuu isaanii Ajaja Bahaa wabeeffachuun AMICO’n gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015