Tamsaasa Kallatti:

Paartii biyyaa fi uummataaf ta'a jennu filachuuf guyyaa sagalee kenninsaa eeggachaa jirra– Jiraattota Magaalaa Harar

Caamsaa 18/2018 (ENA): Paartii biyyaa fi uummataaf ni fayyada jennu filachuuf qophoofneerra jechuun jiraattonni Magaalaa Harar ibsan.

Filannoo waliigalaa 7ffaan, lammiilee hedduun sagalee kennuuf kaardii fudhatanii fi paartileen siyaasaa adda addaa keessatti hirmaatan, Caamsaa 24 bara 2018 kan gaggeeffamu ta'uun ni beekama.

Jiraattota Magaalaa Harar kanneen kaardii filannoo fudhatanii filannichaaf qophaa'an keessaa ENA’f kan yaada kennan, mirga demookiraasii keenya fayyadamuun paartii biyyaa fi uummataaf ta'u filachuuf guyyaa sagalee kenninsaa eeggachaa jirra jedhaniiru.

Jiraattota magaalattii keessaa aadde Asiraat Wubsheet fi Kaaliid Yuusuf; kaardii filannoo fudhannetti fayyadamuun sagalee keenyaan murteessuuf qophoofneerra jechuun dubbataniiru.

Adeemsi filannoo ibsituu mirga demookiraasii lammiilee ta'uu kaasuun, hamma kaardii filannoo fudachuuf hirmaatan sanatti sagalee kennuudhaanis mirkaneessuuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru.

Jiraattuun magaalattii biroon Alfiyaa Abdoosh; guyyaa sagalee kenninsaa sanatti keessumaa paartii dhimma fayyadamummaa waliigala dubartootaaf hojjetu filachuuf qophaa'uu ibsaniiru.

Gama biraatiin jiraataan magaalattii obbo Assaggid Shifarraa filannichi paartii biyyaa fi uummataaf ni fayyada jedhan kan itti filatanii fi sagalee isaaniitiin kan murteessan waan ta'eef, filachuuf qophaa'uu isaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015