Tamsaasa Kallatti:

Duulli na filadhaa fi hiriirri deeggarsa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Boongaatti gaggeeffamaa jira

Caamsaa18/2018 (ENA): Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaatti filannoo biyyaalessaa 7ffaa ilaalchisuun duulli nafiladhaa fi hiriirri deeggarsa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Boongaa keessatti gaggeeffamaa jira.


Duulli nafiladhaa fi hiriirri deeggarsa paartichaa kan kanaan dura godinaalee naannichaa hundatti gaggeeffamaa ture, har'a bakka bu'oonni hawaasaa godinaalee hundarraa walitti dhufanii argamanii istaadiyeemii Magaalaa Boongaa keessatti sagantaan xumuraa gaggeeffamaa jira.


Hirmaattonni hiriirichaa dhaadannoowwan akka "Filannoo nagaa fi dimookiraasii ijaarsa mootummaa cimaatiif! , Jijjiirama dhufeef beekamtii ni kennina!", "Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaattii" fi dhaadannoowwan biroo kanneen biroo dhageessisaa jiru.

Saganticharratti hoggantoonni olaanoon naannichaa fi godinichaa, kutaaleen hawaasaa aanaalee fi bulchiinsa magaalota Godina Kafaa adda addaa irra walitti babba'an, akkasumas miseensonni baandii aartii aadaa hirmaachaa jiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015