Magaalaa Jinkaatti duulli nafiladhaa fi hiriirri deeggarsa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Jinkaatti duulli nafiladhaa fi hiriirri deeggarsa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamaa jira.
Caamsaa 18/2018 (ENA):Magaalaa Jinkaatti duulli nafiladhaa fi hiriirri deeggarsa uummataa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamaa jira.
Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaaf mata duree "Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti" jedhuun sagantaa xumura duula na filadhaa Magaalaa Jinkaa keessatti gaggeessaa jira.
Miseensonnii fi deeggartoonni paartichaa daandiiwwan gurguddoo magaalattii fi Istaadiyeemii hunda galeessa Jinkaa keessatti uummanni hedduun argamuun deeggarsaa fi michummaa Paartii Badhaadhinaaf qaban ibsaa jiru.
Sagantaa xumura duula nafiladhaa fi deeggarsa uummataa kana irratti Af-yaa'ii Mana Maree Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Alamaayyoo Bawudiin dabalatee hoggantoonni olaanoon paartichaa, miseensonniifi deeggartoonni argamaniiru.