Duulli filannoo Paartii Badhaadhinaa fi hiriirri deeggarsa ummataa Dirree Dhawaatti geggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Duulli filannoo Paartii Badhaadhinaa fi hiriirri deeggarsa ummataa Dirree Dhawaatti geggeeffamaa jira
Caamsaa 18/2018 (ENA): Sagantaan xumuraa duula filannoo Paartii Badhaadhinaa bulchiinsa Dirree Dhawaatti hiriira deeggarsa ummataa guddaan adeemsifamaa jira.
Guyyaa har'aa miseensonnii fi deeggartoonni Paartii Badhaadhinaa godinaalee baadiyyaa fi magaalaa bulchiinsa kanaa daandii gurguddoo magaalattii keessa hiriira bahuun, dhaamsa qabatanii imaluun deeggarsa dhaabichaaf qaban ibsaa jiru.
Paartiin Badhaadhinaa; dhaaba Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti jijjiirudha; kaayyoon keenya mootummaa cimaa ijaaruudha kan jedhaniifi ergaawwan biroo deeggartoonni qabatanii bahuun dhageessisaa jiranidha.
Hiriira deeggarsa kanarratti ergaaleen dabarfaman, bulchiinsi Dirree Dhawaa pirojektoota misoomaa fi bulchiinsa gaarii jajjabeessaan ummata fayyadamoo taasisan hojiirra oolchaa turuusaa ibsaniiru.
Hoggantoonni waajjira paartichaa Dirree Dhawaa, hoggantoonni waajjira kantiibaa fi miseensonni kaabinee hiriira deeggarsaa fi sagantaa xumuraa duula filannoo irratti hirmaataniiru.