Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tarkaanfiiwwan misooma dinagdee naannichaa mirkaneessan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tarkaanfiiwwan misooma dinagdee naannichaa mirkaneessan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jirti
Caamsaa 18/2018(ENA): Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tarkaanfiiwwan misooma dinagdee naannichaa mirkaneessan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jiraachuu Ishee Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Itti waamamaan olaanaan Mootummaa Ministir Doktar Tasfaayee Baljigee ibsan.
Gaaffiin Itiyoophiyaan dhimma abbummaa hulaa Galaanaa qabdu, hojmaata dippilomaasii Idil-Addunyaatiin kan milkaa’uu danda’uu fi dhimma jireenyaa ta’uu isaa hubachiisaniiru.
Ministirri Doktar Tasfaayee Baljigee ENA’f akka ibsanitti,Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tokkummaa dinagdee naannichaa mirkaneessan tarkaanfiiwwan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jirti jedhani.
Gaaffiin Itiyoophiyaan haqa abbummaa hulaa Galaanaa qabduus, carraaqqii ishee walitti hidhamiinsa dinagdee naannichaa uumuuf taasiftu irraa adda baafamee kan ilaalamu akka hin taane hubachiisaniiru.
Humna elektiriikii Hidha haaromsaa Guddicha fedhii Itiyoophiyaatiin wareegama waliinii Itiyoophiyaanotaatiin ijaarame irraa maddu, walitti hidhamiinsa dinagdee naannichaatiif gumaacha guddaa gumaacha jira jedhaniiru.
Gara fuulduraattis, Ajandaa Gamtaa Afriikaa 2063 bu'uura godhachuun, Itiyoophiyaan tokkummaa dinagdee Ardii ariifachiisuuf qabeenya isheetti fayyadamuun kutannoodhaan akka hojjettu ibsaniiru,.
Itiyoophiyaan Galaana Diimaa wajjin hidhata ishee uumamaa, seenaan, teessuma lafaa fi seera qabeessummaa walitti hidhe ta'uu isaa ibsanii, akka isheen abbummaa hulaa Galaanaa dhabdu gochuuf kiyyoo fi dabaan dhimmi deemame gaddisiisaa fi yaada Itiyoophiyaa dadhabsiisuu irraa kan madde ta'uu isaa dubbataniiru.
Herregni Itiyoophiyaan qabeenya isheetti fayyadamtee guddina ishee mirkaneessinaan sodaa keenya taati jedhu, murtii boodatti hafaa fi dogoggoraa diinota seenaati jedhaniiru.
Kanaanis, gaaffiin Itiyoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa qabdu bu'uura seenaa kan qabu, dhugaa uumamaa fi teessuma lafaa kan qabu, seera qabeessummaa fi loogii maleessummaa kan walitti hidhe dhimma jireenyaati jedhaniiru.
Sadarkaa Idil-Addunyaatti biyyoota laatin Ameerikaa Booliviyaa fi Peeruu, Biraaziil fi Paaraaguway; Afriikaatti immoo muuxannoo Maalii, Senegaalii fi Kooti DiiVuwaar furmaata waliinii itti fayyadaman akka fakkeenyaatti ibsaniiru.
Gaaffiin Itiyoophiyaan Abbummaa hulaa galaanaa qabdu, hojmaata dippilomaasii Idil-Addunyaatiin kan milkaa’uu danda’uu fi dhimma jireenyaa ta’uu isaa hubachiisaniiru
Kanaanis, gaaffii Itiyoophiyaan abbummaa karra galaanaa seenaan, seeraa, teessuma lafaa fi madaalawaa qabdu karaa dippilomaasiitiin milkeessuun akka danda'amu dubbataniiru.
Biyya ummata baay'ee qabduuf kun qananii osoo hin taane, dhimma faayidaa biyyaalessaa furtuu kabaja abbummaa dinagdee mirkaneessudha jechuun ibsaniiru.
Tajaajila bufata doonii fi loojistiksiitiif qabeenyi guddaan waggaa waggaan baasii ta'u,dorgammii daldalaa Idil addunyaa fi imala guddinaa irratti dhiibbaa guddaa akka uume hubachiisaniiru.