Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tarkaanfiiwwan misooma dinagdee naannichaa mirkaneessan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jirti

Caamsaa 18/2018(ENA): Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tarkaanfiiwwan misooma dinagdee naannichaa mirkaneessan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jiraachuu Ishee Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Itti waamamaan olaanaan Mootummaa Ministir  Doktar Tasfaayee Baljigee ibsan.

Gaaffiin Itiyoophiyaan dhimma abbummaa hulaa Galaanaa qabdu, hojmaata dippilomaasii Idil-Addunyaatiin kan milkaa’uu danda’uu fi dhimma jireenyaa  ta’uu isaa hubachiisaniiru.

Ministirri  Doktar Tasfaayee Baljigee  ENA’f akka ibsanitti,Itiyoophiyaan Gaanfa Afriikaatti tokkummaa dinagdee naannichaa mirkaneessan tarkaanfiiwwan bu'a qabeessa ta'an fudhachaa jirti jedhani.

Gaaffiin Itiyoophiyaan  haqa abbummaa  hulaa  Galaanaa qabduus, carraaqqii ishee walitti hidhamiinsa dinagdee naannichaa uumuuf taasiftu irraa adda baafamee kan ilaalamu akka  hin taane hubachiisaniiru.

Humna elektiriikii Hidha haaromsaa  Guddicha fedhii Itiyoophiyaatiin wareegama waliinii Itiyoophiyaanotaatiin ijaarame irraa maddu, walitti hidhamiinsa dinagdee naannichaatiif gumaacha guddaa gumaacha jira jedhaniiru.

Gara fuulduraattis, Ajandaa Gamtaa Afriikaa 2063 bu'uura godhachuun, Itiyoophiyaan tokkummaa dinagdee Ardii ariifachiisuuf qabeenya isheetti fayyadamuun kutannoodhaan akka hojjettu  ibsaniiru,.

 Itiyoophiyaan Galaana Diimaa wajjin hidhata ishee uumamaa, seenaan, teessuma lafaa fi seera qabeessummaa walitti hidhe ta'uu isaa ibsanii, akka isheen abbummaa hulaa Galaanaa dhabdu gochuuf kiyyoo fi dabaan  dhimmi  deemame gaddisiisaa fi yaada Itiyoophiyaa dadhabsiisuu irraa kan madde ta'uu isaa dubbataniiru.

Herregni Itiyoophiyaan qabeenya isheetti fayyadamtee guddina ishee mirkaneessinaan sodaa keenya taati  jedhu, murtii boodatti hafaa fi dogoggoraa diinota seenaati jedhaniiru.

Kanaanis, gaaffiin Itiyoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa qabdu bu'uura seenaa kan qabu, dhugaa uumamaa fi teessuma lafaa kan qabu, seera qabeessummaa fi loogii maleessummaa kan walitti hidhe dhimma jireenyaati jedhaniiru.

Sadarkaa Idil-Addunyaatti biyyoota laatin Ameerikaa  Booliviyaa fi Peeruu, Biraaziil fi Paaraaguway; Afriikaatti immoo muuxannoo Maalii, Senegaalii  fi Kooti DiiVuwaar furmaata waliinii itti fayyadaman akka fakkeenyaatti ibsaniiru.

Gaaffiin Itiyoophiyaan  Abbummaa hulaa galaanaa qabdu, hojmaata dippilomaasii Idil-Addunyaatiin kan milkaa’uu danda’uu fi dhimma jireenyaa ta’uu isaa hubachiisaniiru

Kanaanis, gaaffii Itiyoophiyaan abbummaa karra galaanaa seenaan, seeraa, teessuma lafaa fi madaalawaa qabdu karaa dippilomaasiitiin milkeessuun akka danda'amu dubbataniiru.

Biyya ummata baay'ee qabduuf kun qananii osoo hin taane, dhimma faayidaa biyyaalessaa furtuu kabaja abbummaa dinagdee mirkaneessudha jechuun ibsaniiru.

Tajaajila bufata doonii fi loojistiksiitiif qabeenyi guddaan waggaa waggaan baasii ta'u,dorgammii daldalaa Idil addunyaa fi  imala guddinaa irratti dhiibbaa guddaa akka uume hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015