Badhaadhinni paartii jecha isaaf amanamaa ta’ee fi qabatamaan qoramee injifannoodhaan kan ba'eedha – obbo Mogos Baalchaa - ENA Afaan Oromoo
Badhaadhinni paartii jecha isaaf amanamaa ta’ee fi qabatamaan qoramee injifannoodhaan kan ba'eedha – obbo Mogos Baalchaa
Caamsaa 18/2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa jecha isaaf amanamaa ta’ee qabatamaan qoramee injifannoodhaan kan ba’edha jedhan itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee obbo Mogas Baalchaa.
Duulli filannoo biyyaalessaa 7ffaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee Adda baabaayi Masqalaatti gaggeeffameera.
Sagantaa ganama irraa eegale kana irratti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee fi Miseensi Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Aadde Adaanech Abeebee, Itti Aanaa Kantiibaa fi Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Jaanxiraar Abaaay fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee magaalaa Finfinnee obbo Mogos Baalchaa argamaniiru.
Akkasumas Af-yaa'iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, kaadhimamtoota paartichaaf dorgoman, akkasumas miseensonnii fi deeggartoonni paartichaa argamaniiru.
Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita sana akka himanitti hojiiwwan misoomaa waggoota darban keessatti hojjetaman fayyadamummaa hunda galeessa hawaasaa mirkaneessee jira jedhan.
Hojiileen bu’a qabeessa ta’an karaa ida’amuun aadaa hojii cimaa ta’een hojjetamuu ibsaniiru.
Hojiin waggaa 50 waggaa shan keessatti xumuramuu ibsaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa jecha isaaf amanamaa ta’ee qabatamaan qoramee milkaa’inaan xumurameera jedhan.
Daandii ida’amuu irra imaluun galma keenya geenya kan jedhan itti gaafatamaan kun, hojiiwwan misoomaa hunda galeessa gaggeeffamaa jiran cimee akka itti fufuuf hawaasni Paartii Badhaadhinaaf sagalee akka kennu gaafataniiru.