Tamsaasa Kallatti:

Hiriirri deeggarsa Paartii Badhaadhinaa ganama har'aa irraa eegalee Magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira.

Caamsaa 18 /2018 (ENA): Hiriirri deeggarsa Paartii Badhaadhinaa ganama har’aa irraa eegalee magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti geggeeffamaa jira.


Hiriira kanarratti kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adanech Abeebee, Itti Aanaan Kantiibaa Jaanxiraar Abbay fi itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Waajjira Damee Magaalaa Finfinnee obbo Mogas Baalchaa argamaniiru.

Af-yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee, Buzeenaa Alkadir, kaadhimamtoonni paarticha bakka bu’an, akkasumas miseensonnii fi deeggartoonni paartichaas argamaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015