Tamsaasa Kallatti:

Godina Iluu Abbaa Booraatti lafti dhibbeentaa 80 ol qonna kilaastara Gannaatiin misooma

Caamsaa 17/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti qonna kilaastara Gannaatiin dhibbeentaan 80 ol kan misoomu ta’uu Waajjirri Qonna Gonichaa beeksiseera.

Akkasumas qonna Gannaa Godinicha keessatti midhaan gosa adda addaatiin lafa heektaara kuma 389 ol uwwisuuf hojiin eegalameera.


 

Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbba Booraa keessatti qonna teeknooloojiin deeggaramu babal’isuun oomishtummaa guddisuuf tattaaffiin hojjetamaa akka jiru itti gaafatamaan Waajjira Qonna Godinaa obbo Addaamuu Taakkalaa beeksisaniiru.

Qonna Gannaa keessatti boqqolloo, maashillaa, ruuzii, atooboonsituu fi gosootni midhaan biroo akka facaafaman akeekuun, lafti dhibbeentaa 80 ol kilaastaraan kan misoomu ta’uu ibsaniiru.

Qonna kilaastaraaf xaa’oo fi sanyii qulqullina qabu dhiyeessuudhaan oomishtummaa guddisuu irratti xiyyeeffachuu isaaniis ibsaniiru.

Qonna Gannaa kana keessatti xaa’oo keemikaalaa kuntaala kuma 161 ol fi sanyiiwwan filatamoo adda addaa qaban kuntaala kuma 24 ol kan hojiirra oolu ta’uu ibsaniiru.

Kana keessaa lafti heektaara kuma 61 boqqolloodhaan kan uwwifamu yoo ta’u, itti dabaluudhaanis xaa’oon kuntaala kuma 50 ol kan ta’u dhimma kanaaf qophaa’uu ibsaniiru.

Godinichatti qonnaan bultoonni Geetachoo Baqqalaa, Tasfaayee Habtamaariyaam fi Birhaanee Asaffaa qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun lafa heektaara 116 ol irratti kilaastaraan boqqolloo facaasuu eegalaniiru.

Sanyii filatamaas ta’e xaa’oo yeroon argachuun kan isaan fayyade ta’uu himaniiru.

Bulchiinsi godinichaas tiraaktara fayyadamuun hojii qonnaa isaanii teknolojiidhaan akka deeggaran deeggarsa barbaachisu taasisuu isaa ibsaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015