Dhiibbaa uumaan miidiyaa hawaasummaa beekamaan Diilaan Peej bakkeewwan Hawwata Turizimii garaagaraa Harar keessaa ni daawwata - ENA Afaan Oromoo
Dhiibbaa uumaan miidiyaa hawaasummaa beekamaan Diilaan Peej bakkeewwan Hawwata Turizimii garaagaraa Harar keessaa ni daawwata
Caamsaa 17/2018(ENA): Dhiibbaa uumaa beekaman Diilaan Peej bakkeewwan Hawwata Turizimii garaagaraa daawwachuuf magaalaa Harar seeneera.
Namoota addunyaa irratti miidiyaa hawaasummaatiin dhiibbaa uuman keessaa tokko kan ta'e lammiin Ingilaandi Diilaan Peej, daawwannaa Harar keessatti taasisu kanaan, Ikoo, Paarkii Harar keessaa; agarsiisa waraabessaa daawwachuu dabalatee, bakkeewwan hawwata Turizimii adda addaa ni daawwata jedhamee eegama.
Hoogganaan Waajjira Dhimmoota Kominiikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii obbo Heenok Mulunaa fi hoggantoonni olaanoon biroon Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Dirree Dawaatti argamuun simannaa taasisaniiru.
Diilaan Peej dabalatee namoonni Itiyoophiyaa keessatti miidiyaa hawaasummaa irratti dhiibbaa uuman biroos argamuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominiikeeshinii Mootummaa Naannichaa ni agarsiisa.