Hojiileen Lammiilee itti fufinsaan fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen Lammiilee itti fufinsaan fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu
Caamsaa 17/2018(ENA): Mootummaan fayyadamummaa ittifufinsa lammiilee qabu mirkaneessuuf hojiilee eegale cimsee akka itti fufu Sadarkaa Itti-aanaa Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos ibsan.
Bulchiinsa magaalichaatti kutaaleen hawaasaa sagantaan wiirtuulee nyaataa Tasfaa Birihaan fayyadamaa turan dinagdeedhaan of dandasiisuu kaayyeffate adeemsifameera.
Sadarkaa Itti-aanaa Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos wayita sana akka himanitti, magaalattiin saffisa guddinaa olaanaa irratti argamti jedhani.
Kanaanis keessattuu, misooma namaa irratti xiyyeeffatee fi misooma itti fufinsa qabuuf xiyyeeffannoo kennuudhaan bajata guddaa ramadee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Wiirtuuleen nyaataa Finfinnee keessatti ijaaraman mootummaan keessattuu erga jijjiirama biyyaalessaatii as misooma namaa irratti xiyyeeffateef xiyyeeffannoo guddaa kenne kan agarsiisudha jedhaniiru.
Wiirtuuleen kun lammiilee kumaatamaan lakkaa'aman kanneen guyyaatti al tokko nyaachuu hin dandeenye, kanneen rakkoo fayyaa hammaataa qabanii fi maanguddoota gargaarsa hin qabne dhaabbatummaadhan guyyaa guyyaatti nyaachisaa akka jiran dabalanii ibsaniiru.
Har'as wiirtuulee nyaataa kutaa magaalaa hundatti argaman keessaa dubartoota 400 fayyadamoo turaniif deeggarsi maallaqaa fi meeshaalee hojii jalqabsiisuu danda'u taasifamuu isaa dubbataniiru.
Dabalataanis, leenjii barbaachisaa kennuudhaan gara hojiitti akka galan ni taasifama jedhaniiru.
Kanaanis bulchiinsi magaalichaa lammiilee gargaarsa eeggachuu irraa gara oomishtummaatti ceesisuu hojii eegale cimee akka ittifufu ibsaniiru.
Gara biraatiin, Hoggantuun Biiroo Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Qonjit Dabalaa; wiirtuulee nyaataa 29 magaalittii keessatti argaman keessaa lammiilee 400 fayyadamoo turan gara hojiitti galchuun danda'amuunsaa milkaa'ina guddaadha jedhaniiru.
Kanaanis magaalattii keessatti wiirtuuleen nyaataa gargaarsa kan jajjabeessan qofa osoo hin taane, gara oomishtummaatti ce'uuf akka riqichaattis tajaajilaa jiraachuu isaanii agarsiiftuu tokkodha jedhaniiru.