Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaatiif) Hanqinni omishaa akka hin mudannee fi gabaan tasgabbii akka qabaatuuf qophiin taasifameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Caamsaa 17/2018(ENA): Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ayyaana Iid Al-Adihaa (Arafaatiif) hanqinni oomishaa akka hin mudannee fi gabaan tasgabbaawaan akka jiraatu qophii gochuu isaa Kantiibaan Magaalichaa aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin akka jedhanitti; Bulchiinsi magaalichaa hordoftoota Amantaa Islaamaa biratti ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) barana yeroo 1147ffaaf kabajamu sababeeffachuun, jiraattonni dhiibbaa gabaa fi dhiphina tokko malee ayyaanicha gammachuun akka kabajaniif, meeshaaleen bu'uuraa fi oomishoonni ayyaanichaa gatii madaalawaa fi hamma gahaadhaan akka dhiyaatan qophii bal'aa taasiseera.

Keessattuu, wiirtuulee gurgurtaa oomishaalee qonnaa magaalattii keessatti argaman 7 keessatti, oomishoonni akaakuu midhaanii adda addaa, muduraa fi kuduraa baay’inaa fi gatii madaalawaan akka dhiyaatan hubachjiisaniiru.

Bitattoonni salphaatti naannoo isaaniitti akka bitachuu danda'aniif, gabaaleen Sanbataa fi Dilbataa 250 bakkeewwan hundatti argaman hanga ayyaanichaatti banamanii akka hojjetan taasifamuu isaa ibsaniiru.

Suuqota waldaalee hojii gamtaa shammattootaa kuma 2 fi 52 fi kuusaa dhaabbata daldalaa hojiiwwan Finfinnee keessatti oomishoonni zayitaa fi daakuu hamma gahaadhaan dhaqqabamaa ta'uusaanii ibsaniiru.

Jiraattonni magaalattii filannoowwan gabaa eeraman keessaa kan naannoo isaaniitti dhiyoo jiru fayyadamuu akka danda'an Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa isaaniitiin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015