Filannoo Waliigalaa 7ffaa Ilaalchisee Dippiloomaatotaa fi bakka bu'oota dhaabbilee Idil-Addunyaatiif ibsi kenname - ENA Afaan Oromoo
Filannoo Waliigalaa 7ffaa Ilaalchisee Dippiloomaatotaa fi bakka bu'oota dhaabbilee Idil-Addunyaatiif ibsi kenname
Caamsaa 17/2018(ENA): Filannoo waliigalaa torbaffaa ilaalchisee dippiloomaatota Finfinnee jiranii fi bakka bu'oota dhaabbilee Idil-addunyaatiif ibsi kennameera.
Boordii Filannoo Biyaalessaa Itiyoophiyaatti Walitti-qabduun Boordichaa Meelaatawarqi Haayiluu, dippiloomaatotaa fi bakka bu'oota dhaabbata Idil-Addunyaatiif qophii filannichaa,galmee filattootaa, hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa,qophii nageenyaa fi itti fayyadama teekinoolojii ilaalchisee ibsa bal'aa kennaniiru.
Kana malees, adeemsi filannichaa ifaa fi bilisa akka ta'uuf dhaabbata garaa garaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Walitti-qabduun boordichaa hojiiwwan dursanii raawwatamani ibsa bal'aa kan kennan yoo ta'u, filannichaaf filattoonni miiliyoona 50 ol galmaa’uu fi buufataaleen filannoo kuma 52 fi 29 hundeeffamuu isaanii ibsaniiru.
Qe'ee isaanii irraa warreen buqqa'aniif, loltootaa fi barattootaaf buufataaleen filannoo addaa qophaa'uu isaanii fi kaardiiwwan sagalee kenninsaa buufataalee filannoo hundumaatti raabsamuu isaanii ibsaniiru.
Dabalataanis, filannichi nagaa, hirmaachisaa fi bilisa akka ta'uuf boordichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetaa turuu isaa eeraniiru.
Gama biraatiin De’eetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee, filannoon waliigalaa 7ffaan kun itti fufiinsa filannoowwan kanaan dura adeemsifamaa turanii ta'uu ibsuun, kunis sirna deemokiraasii biyyattii keessatti ijaaramaa jiruuf bu'uura kan kaa'e ta'uun isaa ibsaniiru.
Ibsa kanaan booda marii taasifameen, bakka bu'oonni biyyoota garaa garaa fi dhaabbanni Idil-Addunyaa, filannichi nagaa fi hirmaachisaa akka ta'uuf sochii taasifamaa jiru irratti hubannoo gaarii argachuu isaanii ragaan ministeerichaa ni agarsiisa.