Itiyoophiyaan Madda Annisaa Haaromfamutti Fayyadamuun Afriikaatti ce’umsa gara geejjiba magariisaatti taasifamu Keessatti adda durummaan hojjechaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Madda Annisaa Haaromfamutti Fayyadamuun Afriikaatti ce’umsa gara geejjiba magariisaatti taasifamu Keessatti adda durummaan hojjechaa jirti
Caamsaa 17/2018(ENA):Itiyoophiyaan madda annisaa haaromfamuu bal’aa qabdutti fayyadamuun, Afriikaatti gara geejjiba qulqulluu fi magariisaa ta’etti ce’umsa taasifamu adda durummaan geggeessuuf hojjechaa akka jirtu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Doktar Alamuu Simee ibsan.
Tarsiimoo fi Karoorri hojiirra oolmaa Biyyaalessaa Sirna geejjiba Itiyoophiyaa gara sirna Geejjiba Magariisaa itti fufiinsa qabuu fi amansiisaa ta’e kan konkolaattota elektiriikaa (E-mobility) ceessisu ifoomsuu gaggeeffamaa jira.
Sagantaa kana irratti hoggantoonni olaanoo ministiroota adda addaa irra bakka bu’an, bakka bu’oonni Komishinii Diinagdee Afriikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi michoonni misoomaa argamaniiru.
Ministirri Geejjiba fi Loojistikisii Doktar Alamuu Simee akka himanitti, tarsiimoon haaraan kun damee geejjiba biyyattii bifa ammayyaatiin bocuuf kan gargaarudha jedhaniiru.
Kanaan alatti, magaalota qulqulluu uumuu fi fayyaa uummataa fooyyessuu, sharafa alaa baay’ee bittaa boba’aaf ba’u qusachuu fi haala nageenya annisaa biyyattii mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uuf dubbataniiru.
Tarsiimoon kun fooyya’iinsa imaammataa fi seeraa, ijaarsa isteeshinii Anniisaa , geejjiba uummataa elektiriikaan bakka buusuu, omisha biyya keessaa guddisuu fi roodmaappii hirmaannaa abbootii qabeenyaa dhuunfaa dabaluu ifa ta’e kan hammatu qabudha jedhaniiru.
Ce’umsi ‘E-mobility’ itti gaafatamummaa dhaabbata tokkoo qofa osoo hin taane, qindoomina waliinii biyyaalessaa kan gaafatu ta’uu eeranii, dhaabbilee mootummaa dabalatee investimentii sektera dhuunfaa akka guddisanii fi bu’uuraalee misoomaa akka babal’isan waamicha dhiyeessaniiru.
Ministirri Industirii obbo Malaakuu Allebal gama isaaniitiin, konkolaattonni elektiriikaa baasii geejjibaafi boba’aa irratti hirkattummaa qabnu sadarkaa olaanaan akka hir’isan ibsaniiru.
Yeroo ammaa kana gabaa Idil-Addunyaa irratti gadi lakkifama kaarboonii galmeessisuun dirqama ta’aa dhufeen, eegumsa misooma magariisaa naannootiif qofa osoo hin taane gabaa keessatti itti fufiinsaan turuuf ulaagaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Industirii omisha biyya keessaa fi qindoomina guddisuun bara 2030tti qooda omisha biyya keessaa dhibbeentaa 30% geessisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjechaa akka jiru eeraniiru.
Sirna ikoolojii baatirii fi dinagdee naannawaa (circular economy) diriirsuu,Teekinoolojii konkolaattota elektriikaa fi paarkota industirii ijaaruu,Qulqullina eeguuf qajeelfamoota biyyaalessaa dirqama ta’an hojiirra oolchuu, akkasumas qorannoo kuusaa albuudaa omisha baatiriitiif murteessaa ta’an ariifachiisuun kallattii xiyyeeffannooti jedhaniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Directara Diviziyooni Teeknoolojii, Innooveeshinii fi Bu'uuraalee Misoomaa Komishinii Dinagdee Afriikaa Doktar Roobarti gama isaaniitiin, sadarkaa idil-addunyaa fi Afriikaatti fayyadamni konkolaattota elektriikaa ariitiin guddachaa akka jiruu fi Itiyoophiyaanis adeemsa ce’umsa kana keessatti adda durummaan gaggeessaa akka jirtumirkaneessaniiru.