Pirojektiin Jallisii Yaadot Eebbifamee Tajaajilaaf Banaa Ta’e - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin Jallisii Yaadot Eebbifamee Tajaajilaaf Banaa Ta’e
Caamsaa 17/2018(ENA) : Godina Baalee aanaa Dalloo Mannaatti pirojektiin jallisii Yaadot hojjatamee xumuramuun eebbifameera.
Sirna eebba pirojektichaa irratti hoggantoota mootummaa olaanoo naannoo Oromiyaa, Godinaafi aanaa akkasumas qaamoleen hawaasaa garagaraa argamaniiru.
Pirojektiin Jallisii Yaadot lafa hektaara kuma 3 misoomsuun, abbaa warraa kuma 6 ol fayyadamoo kan taasisudha jedhameera.
Pirojektichichi hojjetamee xumuramuuf birrii miliyoona 936 ol baasii ta'uunis ibsameera.