Tamsaasa Kallatti:

Ardii badhaate ijaaruuf tokkummaa Afrikaa daran cimsuu qabna - Mahaammuud Alii Yuusuf

Caamsaa 17/2018 (ENA): Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf, ardii badhaate ijaaruuf tokkummaa Afrikaa daran cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Guyyaan Afrikaa 63ffaan ''waggoota 63 tokkummaa, walitti hidhamiinsaa fi misoomaa; waliin haa kabajnu’’ mata duree jedhuun kan kabajamu yoo ta’u, Waajjirri Muummee Gamtaa Afrikaa Finfinneetti argamu qophiilee adda addaatiin kabajamaa jira.




Sagantaa kana irratti Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammuud Alii Yuusuf, de’eetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Haderaa Abarraa akkasumas dippilomaatonni fi keessummoonni affeeraman biyyoota miseensa Gamtichaa irraa dhufan argamaniiru.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammuud Alii Yuusuf ga’een Afrikaa waltajjii addunyaa irratti qabdu yeroo hunda haaromfamaa jira jedhan.
Waggoota dhufan keessatti baay’ina ummataa fi guddinni dinagdee ardii kanaa Doolaara tiriliyoona 10 ni ga’a jedhamee eegama jedhan.

Dargaggoonni Afrikaa guddinaa fi badhaadhina ardii kanaa kan ardiileen biroo hawwan ta’uus ibsaniiru.
Humna tokkummaa Afrikaa daran cimsuu fi dandeettii guddinaa fi badhaadhina ardii kanaa hunda hammate jijjiiruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

De’eetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Haderaa Abarraa gamasaaniitiin aadaa fi duudhaalee Afrikaa egeree ardii kanaa, guddinaa fi badhaadhinaaf madda ciminaa ta’uu ibsaniiru.
Dandeettii tumsa Afrikaa cimsuun fayyadamummaa lammiilee ardii kanaa mirkaneessuu fi egeree fooyya’aa ofii bocuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Kanaafis guddina diinagdee Afrikaa damee hundaan babal’isuun dandeettiin misoomaa ardii kanaa gara badhaadhina itti fufiinsa qabuutti jijjiiramuu qaba jedhan.
Ardii kanarratti jal’ina raawwatameef haqa mirkaneessuu bira darbee milkaa’ina Ajandaa 2063 fi hiree egeree isaa murteessuuf kutannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Guyyaan Afrikaa waggaa waggaan kabajamuu eegale, Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa, Gamtaa Afrikaa amma jiruun bara 1963 akka hundeeffame beekamaadha.

Guyyaan Afrikaa bara kanaas Komishinii Gamtichaa, gamtaa hojjettoota Gamtichaa, biyyoota miseensa, caasaa Gamtichaa fi Hawaasa dinagdee naannoo waliin ta’uun kan qophaa’edha.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015