Iid al-Adihaa (Arafaa) haala duudhaa waloomaa fi tokkummaa daran cimsuun kabajamuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Iid al-Adihaa (Arafaa) haala duudhaa waloomaa fi tokkummaa daran cimsuun kabajamuu qaba
Caamsaa 17/2018 (ENA): Itti aanaan Pireezidaantii Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Abdulkariim Sheek Badiraddiin, Iid al-Adha (Arafaa) bara kanaa haala duudhaa waloomaa fi tokkummaa daran cimsuun kabajamuu qaba jedhan.
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa hordoftoota amantaa hundaaf ayyaana Iid al-Adihaa (Arafaa) bara 1447 sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.
Ibsa Itti Aanaa Pireezidaantii Mana Marichaa Sheek Abdulkariim Sheek Badiraddiin kennaniin ayyaanni kun kan nagaa, gamtaa fi jaalalaa akka ta’uuf hawwii guddaa qaban ibsaniiru.
Iid al-Adihaa (Arafaa) yeroo kabajnu haala duudhaa waloomaa fi waliif yaaduun ta’uu qaba jedhaniiru.
Duudhaa kana hojiitti hiikuuf hordoftoonni amantaa Islaamaa namoota rakkatan deeggaruun ayyaana kana kabajuu akka qabanis ibsaniiru.
Lammiileen hundi guddinaa fi tokkummaa biyyattiif waliin dhaabbachuu akka qabanis eeraniiru.
Manni Murtii Olaanaa Shari’aa Federaalaa Iid al-Adihaan (Arafaan) bara kanaa kan bara 1447ffaa Roobii dhufu Caamsaa 19, 2018 akka kabajamu beeksisuun isaa ni beekama.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA