Paartiin Badhaadhinaa gaaffii ummataa bara dheeraaf deebii kennuun fayyadamummaa isaa guddisee jira - ENA Afaan Oromoo
Paartiin Badhaadhinaa gaaffii ummataa bara dheeraaf deebii kennuun fayyadamummaa isaa guddisee jira
Caamsaa 17/2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa gaaffii ummanni yeroo dheeraaf dhiheesseef deebii kennuun fayyadamummaa isaa guddiseera jedhan piresidaantiin Mootummaa Naannoo Hararii fi miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa obbo Ordin Badrii.
Paartichi duula filannoo waliigalaa 7ffaa isaa naannoo Harariitti mata duree "Itiyoophiyaa gara Biyya fakkeenyummaattii jijjiiruu" jedhuun gaggeesseera.
Sagantaa duula filannoo paartichaa magaalaa Hararitti Istaadiyeemii Imaam Ahmad keessatti gaggeeffame irratti piresidaantiin mootummaa naannichaa fi miseensi koree hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa obbo Ordin Badrii, akkasumas hoggantoonni olaanoo paartii, kaadhimamtoonni, miseensonnii fi deeggartoonni paartii Badhaadhinaa argamaniiru.
Duula na filadhaa sana irratti argamuun ergaa dabarsaniin piresidaanti Ordiin Badrii akka himanitti Paartiin Badhaadhinaa paartii dhimmoota siyaasaa naannicha keessatti yeroo dheeraaf ka’aa turan irratti deebii seeraa fi sirrii ta’e kan kenne ta’uu ibsaniiru.
Itti dabaluunis, dhaabichi erga gara aangootti dhufee pirojektoota misoomaa hedduu ummata naannichaa giddu galeessa godhate raawwachuusaa ibsaniiru.
Paartichi waadaa galee fi pirojektoota misoomaa eegale galmaan gahuuf kutannoon hojjechaa akka jiru, bu’aan isaas qabatamaan mul’achaa akka jiru akeekaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira paartichaa damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa gama isaaniitiin, Paartiin Badhaadhinaa waltajjii waloo ijaaruu, obbolummaa fi walooma cimsuu, adda addummaa kabajuun tokkummaa sabaa cimsuuf hojiilee hedduu raawwateera jedhan.
Pirojektoota misoomaa dinqisiisoo fayyadamummaa hunda galeessa ummataa mirkaneessan raawwachuusaas eeraniiru.