Tamsaasa Kallatti:

Raayyaan Ittisaa ergama nagaa eegsisuu idil-addunyaa cimsuu itti fufee jira

Caamsaa 17/2018 (ENA): Raayyaan Ittisa Biyyaa, birmadummaa fi daangaa biyyaa tiksuu bira darbee, ergama nagaa eegsisuu idil-addunyaa keessatti gahee isaa cimsuu itti fufuu isaa, Giddu-galli Nagaa Eegumsa Ministeera Ittisaa Federaalaa, Manni Barumsaa Leenjii Kontinjantii Hursoo beeksise.

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Federaalaa Giddu-galli Nagaa Eegsisuu, Manni Barumsaa Leenjii Kontinjantii Hursoo, loltoota ergama nagaa eegsisuu idil-addunyaa irratti leenjise har’a eebbisaa jira.

Eebbifamtoonni har’aa dandeettii fi beekumsa loltummaa ammayyaa qabatamaa fi ti’oorii ergama isaanii gahumsa guddaadhaan akka raawwatan isaan dandeessisu horachuu isaanii ibsameera.


 

Mana Barumsaa Leenjii Kontinjantii Hursootti Itti Gaafatamaan Komunikeeshinii fi Miidiyaa kumalaa Akiliilaa Laggasaa ENAtti akka himanitti, eebbifamtoonni kunneen yuunitoota ergama nagaa eegsisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jalatti Somaaliyaa, ‘Awsom’ fi Gamtaa Afrikaa jalatti immoo Sudaan Kibbaatti, ‘UNAMIS’ jalatti bobbaafamaniif leenjii bobbaa duraa xumuraniiru jedhani.

Raayyaan ittisaa kuni itti gaafatamummaa birmadummaa fi daangaa biyyaa tiksuuf qaban ogummaa olaanaa fi wareegama hin hin jijjiiramne bahaa akka jiru, dirqamni kun yeroo kamuu caalaa cimee akka itti fufe ibsaniiru.

Kana malees, raayyaan ittisa biyyaa nagaa addunyaa eegsisuu fi dagaagsuuf gumaacha olaanaa fi itti gaafatamummaa addunyaa isaa yeroo kamiyyuu caalaa cimsee itti fufuu isaa ibsaniiru.

Miseensonni humna nagaa eegsisuu har’a eebbifamaa jiran ergama isaanii olaantummaadhaan bahuudhaan dirree addunyaa irratti maqeenya amansiisaa fi jaalala ummataa loltoonni Itiyoophiyaa qaban itti fufsiisu jedhaniiru.

Sirna kana irratti Itti aanaan itaamaajor shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa, Jeneraal Ababaawu Taadasaa, Hogganaa Giddugala Nagaa Eegsisuu, Mejer Jeneraal Addaamnehi Mangistee, Ajajaa Mana Barumsaa Leenjii Hursoo, Birgaadeer Jeneraal Addisuu Tarfaasaa, akkasumas Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Kadir Juhaar fi qondaaltonni olaanoo biroo argamaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015