Magaala Shaggaritti Pirojektoonni adda addaa eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’an - ENA Afaan Oromoo
Magaala Shaggaritti Pirojektoonni adda addaa eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’an
Caamsaa17/2018(ENA): Magaalaa Shaggaritti Pirojektiiwwan rakkoo hawaasaa furan 338 baajata birrii biliyoona 27.4’n sadarkaa garagaraatti xumuramuun tajaajilaaf ga’uunsaanii ibsameera.
Mootummaan gaaffii fi fedhii misoomaa hawaasa Magaalichaa guutuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee Aanaa Koloobootti Pirojektiiwwan misoomaa garagaraa Riqicha Kilaastera Barfataafi Maarqos wal qunnamsiisu birrii miliyoona 37’n ijaaramee fi Giddu-galli Badhaadhina Namoomaa Dargaggootaa tajaajila maraa birrii miliyoona 288 oliin hojjetame xumuramee eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
Pirojektoota kana Afa-yaa'ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahimaanii fi sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa dabalatee hoggantoonniifi hawaasni argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa taasifameera.
Komunikeeshinii Magaalaa Shaggar irraa