Guyyaa Afriikaa - ENA Afaan Oromoo
Guyyaa Afriikaa
Caamsaa 17/2018(ENA) : Guyyaan Afriikaa 63ffaan mata duree “Waggoota 63 tokkummaa, hariiroo fi misoomaa,waliin haa kabajnu” jedhuun har’a ni kabajama.
Biyyoonni Afriikaafi diyaaspooraan Afriikaa kutaalee Addunyaa adda addaa keessa jiran guyyaa kana sagantaalee adda addaan ni kabaju.
Guyyaan kun har’a magaalaa teessoo Gamtaa Afriikaa kan taatee Finfinneetti, sirnoota adda addaan ni kabajama.
Gamtichi ibsa baaseen, guyyaan Afriikaa baranaa waggaa 63ffaa hundeeffama Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa (Gamtaa Afriikaa isa ammaa) kan yaadatu ta’uu hubachiisaniiru.
Guyyaan Afriikaa guyyoota lamaan darbaniif dorgommiiwwan ispoortii, agarsiisota, baazaarii, taphoota bohaartii fi taateewwan adda addaan kabajamaa tureera.
Xumurri sirna kabaja guyyaa kanaa har’a teessoo muummee Gamtaa Afriikaa Finfinneetti kan gaggeeffamu yoo ta’u, sirnicharratti Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuf, hoggantoonni olaanon gamtichaa, bakka bu’oonni biyyoota miseensotaa,diyaaspooraan Afriikaa, dippiloomaatonni, michoonni misoomaafi keessummoonni affeeraman kan argaman ta’uu odeeffannoo gamtichi ENA’f erge ni mul’isa.
Guyyaan kun Afriikaa seenaafi aadaadhaan badhaate keessatti, uummatoonni ardittii aadaa, Aartii fi muuxannoo isaanii kanneen biroo waltajjii waliif itti beeksisanidha.
Guyyaan Afriikaa Komishinii Gamtaa Afriikaafi Waldaa Hojjettoota Gamtichaa, akkasumas biyyoota miseensotaa, gurmaa’insoota gamtichaa fi hawaasawwan dinagdee naannoo (RECs) waliin ta’uun qophaa’e.
Waggaa waggaadhan Guyyaan Afriikaa kabajamuu kan eegale hundeeffama Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa (Gamtaa Afriikaa isa ammaa) A.L.A bara 1963 hordofeeti.
Moggaasni Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa, A.L.A bara 2002 yaa’ii Afriikaa Kibbaa, Darbanitti gaggeeffameen gara Gamtaa Afriikaatti jijjiiramuun isaa ni yaadatama.
Guyyaan kun waggaa waggaadhaan A.L.A Caamsaa 25 ni kabajama. Ayyaanni kun Guyyaa Afriikaa jedhamuun dura "Guyyaa Birmadummaa Afriikaa" jedhamee kabajamaa ture.