Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad guyyaa Afriikaa ilaachisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Caamsaa 17/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad guyyaa Afriikaa ilaachisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ministirri Muummee ergaa isaanii keessatti waggoota 63 dura abbootiin Afriikaa as Finfinneetti walitti qabamuun abjuu guddaa ardii walabaa fi tokkummaa qabdu ijaaruu abjoochaa akka turan yaadachiisaniiru.

Abjuun tokkummaa abbootii kun hanga har’aatti osoo hin badiin itti fufee akka jiru ibsaniiru.

Itiyoophiyaan wiirtuu seenaa Gamtaa Afrikaa ta’uu eeruun Ministirri Muummee, biyya Afriikaa hunda waliin hafuura seenaa tokkummaa tokkoon waliin dhaabbachuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Haa ta’u malee, ammas ardii kana badhaatuu taasisuuf waan baay’een hojjetamuu akka qabu eeruun,; sadarkaa amma jiru irra darbuuf jecha irraa gara gochaatti, waadaa irraa gara guddina qabatamaatti ce’uun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Qabeenyi Afriikaa inni guddaan fi barbaachisaan yeroo hunda ummata ishee ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee, dandeettii ardii kanaatti fayyadamuudhaan waliin olka’iinsa olaanaarra geenya jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015