Tamsaasa Kallatti:

Paartiin Badhaadhinaa Lammiilee Hiyyummaa keessaa baasuun guddinaa fi bayyanachuu  biyyaa dhugoomsuuf  carraaqqii taasisu  cimsee  itti fufa - Dr. Biqilaa Hurrisaa

Caamsaa15/2018(ENA)-Paartiin Badhaadhinaa lammiilee hiyyummaa keessaa baasuun guddina fi bayyanachuu biyyaa dhugoomsuuf hojiiwwan misoomaa damee baay'eedhaan eegale cimsee kan itti fufu ta'uusaa  Waajjira Ministeera Muummeetti  Ministirri Qindeessaa giddugala ijaarsa sirna dimokiraasii Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsan.

Naannoo Oromiyaa Godina Jimma Aanaa Shabee Sombootti duula nafidhaa Paartiinbadhaadhinaa gaggeesserratti Dr. Biqilaa Hurrisaa argamaniiru.

Sagantaa kanarratti  Waajjira ministeera   Muummee Ministirri qindeessaa giddugala ijaarsa sirna dimokraasii Ministira Dr. Biqilaa Hurrisaa, waggoottan jijjiiramaa keessatti Paartiin Badhaadhinaa fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuufi biyya hiyyummaa keessaa baasuuf hojiiwwan misoomaa damee baay'ee hojjechuu isaa ibsaniiru.

Misooma qonnaa keessattis keessattuu misooma qamadii jallisiitiin bu'aan nama gammachiisu argamuu isaa kaasanii, dameewwan birootiinis bu'aan qabatamaan argamuu isaa dubbataniiru.

 Paartiin Badhaadhinaa lammiilee hiyyummaa keessaa baasuun guddina fi  bayyanachuu biyyaa dhugoomsuuf hojiiwwan misoomaa damee baay'eedhaan eegale  cimsee kan itti fufu ta'uusaa  dubbataniiru.

Bulchaan Aanaa Shabee Somboo Obbo Mohaammadsanii Abbaa oolii, Paartiin Badhaadhinaa waggoottan jijjiiramaa keessatti hojiiwwan misoomaa bal'aa raawwachuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu danda'ee jira jedhaniiru.

Keessattuu damee qonnaatiin oomishtummaa dabaluun gargaartummaa jalaa ba'uuf carraaqqiin qindoomina qabu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Aanaan Shabee Somboo Oomisha Ruuziitiin kan beekamu ta'uu ishee ibsuun, dhiyeessanii, waggoottan muraasa darban keessatti omishichi dachaan akka dabalu taasifamuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015