Gaggeessummaa Paartii Badhaadhinaatiin Naannichatti waggoottan shanan darban keessatti dameelee hundaan milkaa'inni galmaa'eera — Obbo Geetuu Wayyeessaa - ENA Afaan Oromoo
Gaggeessummaa Paartii Badhaadhinaatiin Naannichatti waggoottan shanan darban keessatti dameelee hundaan milkaa'inni galmaa'eera — Obbo Geetuu Wayyeessaa
Caamsaa15/2018(ENA)- Naannoo Harariitti waggoottan shanan darban keessatti gaggeessummaa Paartii Badhaadhinaatiin dameewwan hundaan raawwii milkaa'aan galmaa’uusaa Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Naannichaa ibse.
Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Geetuu Wayyeessaa dhimma kana ilaalchisee ibsa kennaniin, waggoottan shanan darban keessatti dameewwan Siyaasaa, Dinagdee, Hawaasummaa fi misoomaa biroo keessatti bu'aan jajjabeessaan galmaa'uusaa ibsaniiru.
Paartichi obbolummaa fi tokkummaa cimsuun, sabdaneessummaa dhugaa gochaan mirkaneessee, afaanii fi eenyummaa waliinii utubaa badhaadhina Itiyoophiyaa akka ta'an gochuu danda'uu isaa hubachiisaniiru.
Waggoottan shanan darban keessatti paartichi waadaa uummataaf gale hojiirra oolchuun milkaa'ina qabatamaa galmeessuu isaas dubbataniiru.
Paartichi Waggoottan shanan darban waadaa uummataaf gale dhugoomsuun milkaa’inni qabatamaan galmaa’uusaa ibsaniiru.
Gamasa siyaasaan hundeeffama paartichaa booda naannichatti shira siyaasaa irraa gara siyaasa seeraa fi qajeelfamaatti, jibbaa fi diinummaa irraa gara nagaa fi tokkummaatti akka ce’amu taasiseera jedhaniiru.
Paartichi hojiiwwan adda addummaa irraa tokkummaa, jibbaa fi haaloo darbe irraa abdii boruu, tumsaa fi gamtoomina bu'uureffachuun hojiilee qabatamaa ta'an hojjechuu isaatiin bu’aa galmeessisuusaa ibsaniiru.
Gama dinagdeen misooma Qonnaa fi Tuuriizimii keessatti hojiilee uummata naannichaa fayyadamaa taasisan hedduun raawwatamaniiru.
Damee misooma hawaasummaatiin qulqullina barnootaa guddisuu fi qulqullinaa fi dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuurratti hojiileen adda addaa hojjetamuusaanii hubachiisaniiru.
Kana malees, tajaajila hambaa Addunyaa Jugal, hojii misooma kooriidarii magaalichaa keessatti hojjetamee, fi dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa magaalota fi baadiyyatti keessatti hojjetameen bu'aan ol'aanaan galmaa'uusaa ibsaniiru.
Itti gaafatamaan kun itti dabaluudhaan, paartichi hojiilee namarratti xiyyeeffataniif xiyyeeffannoo kennuun isaan rakkina lammiilee salphisuun fayyadamummaa hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa mirkaneessuu danda'uu isaa eeraniiru.
Keenninsa tajaajila dhaabbilee ammayyeessuun tajaajila haqaa, ariifataa fi qulqullina qabu kennuun itti quufinsa lammiilee guddisuun danda'amuu isaas ibsaniiru.
Gara fuulduraattis dameewwan hundaan milkaa'ina jajjabeessaa galmaa'e bu'aan utubanii itti fufsiisuuf, filannoo biyyoolessaa 7ffaa Caamsaa 24 gaggeeffamuun miseensonni paartichaa, deeggartoonni fi jiraattonni naannichaa Paartii Badhaadhinaa akka filatan waamicha dhiyeessaniiru.