Dhiibbaa uumaan miidiyaa Hawaasaa beekamaan Diilaan peej Harariin daawwachuuf qophaa’uusaa fi Magaala seenaa qabeettii kana Addunyaatti beeksisuuf carraa gaariidha - ENA Afaan Oromoo
Dhiibbaa uumaan miidiyaa Hawaasaa beekamaan Diilaan peej Harariin daawwachuuf qophaa’uusaa fi Magaala seenaa qabeettii kana Addunyaatti beeksisuuf carraa gaariidha
Caamsaa 14/2018(ENA): Dhiibbaa uumaan miidiyaa Hawaasummaa beekamaan Diilaan Peeji daawwannaa Hararitti taasisuf qophaa’uun isaa, magaalaa seena qabeessa kana addunyaatti caalaatti beeksisuuf carraa gaarii akka tahe Biiroon Aadaa, Turizmii fi Hambaa Naannoo Hararii beeksise.
Qabeenya seenaa fi aadaa bal’aa Itiyoophiyaa keessa jiran ummata addunyaatiin gahuuf, Diilaan Peeji jalqaba daawwannaa isaa Finfinneetti egaleera.
Itti aansuunis gara magaalaa miidhagduu fi seena qabeettii Harar imaluun daawwannaa gochuuf qophaa’uu isaa ifa godheera.
Dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasummaa addunyaarratti beekamoo ta’an keessaa tokko kan ta’e lammiin Ingiiliz Diilaan Peeji, daawwannaa Harar keessatti taasisuun keessattuu waraabessa nyaachisuuf hawwiin eeggachaan jira jedheera.
Dhimma kanaan walqabatsee ENA’n kan haasofsiise Hogganaan Biiroo Aadaa, Turizmii fi Hambaa Naannoo Hararii Obbo Tawalladaa Abdoosh Harar xiyyeeffannoo daawwattoota biyya keessaa fi alaa caalaatti harkisaa dhufuu ishee dubbataniiru.
Magaalaan Harar miidhagina misooma kooriidariitiin argatte dabalatee magaalaa baay'ee hawwattuu ta'uu ishee kaasanii, kanaanis xiyyeeffannoo daawwattootaa caalaatti argachaa jirti jedhaniiru.
Dhiibbaa uumaan miidiyaa hawaasummaa sadarkaa addunyaatti beekamaa ta’e Diilaan Peeji Harar daawwachuuf qophaa’uun isaa, magaalaa seena qabeessa kana addunyaatti beeksisuuf carraa gaarii ta’uu isaa ibsaniiru.
Turtii isaatiin magaalaa keessa naanna’uun iddoowwan hawwata turizmii adda addaa kan daawwatu ta’uu fi agarsiisa waraabessa nyaachisuu kan namoonni baay'een arguuf hawwan akka daawwatu ibsuun, keessummaa kanaan simannaa gaariidhaan akka simatan dubbataniiru.
Hordoftoota miliyoona 19 ol kan qabu Diilaan Peeji, daawwannaan isaa Jagool ishee hambaa addunyaa taate dabalatee, naannichatti iddoowwan hambaa seenaa durii, amantii fi hawwata Turizmii biroo addunyaatti caalaatti beeksisuuf carraa gaarii akka ta’u hogganaan kun eeraniiru.