Tamsaasa Kallatti:

Barruun Nagaarii mata duree “Kan injifatu Itiyoophiyaa dha'' dhimma jedhuun dubbisaaf geesseetti

Caamsaa 14/2018(ENA): Barruun Nagaarii mata duree guddaa "Kan injifatu Itiyoophiyaa dha" jedhuun, dhimmoota biyyaalessaa fi addunyaa murteessoo ta'an qabachuun dubbistootaaf qophaa'ee dhiyaateera.

ENA tiin baatii lama lamaan kan maxxanfamtu barruun "Nagaarii", barruu ishee waggaa 8ffaa lakkoofsa 33ffaan filannoo waliigalaa 7ffaa dhimma ijoo taasifachuun, mata duree "Itiyoophiyaan ishee Mo'attu dha" jedhuun xiinxala bal'aa dhiyessitee jirti.

Barruun kun seenaa filannoo Itiyoophiyaa kaleessaa hanga har'aa, adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa, akkasumas qophaa'ummaa guutuu paartilee dorgomtootaa hanga dhaabbilee filannootti jiru sakatta'iinsa ariifataadhaan ni dhiyeessiti.

Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana boqonnaa murteessaa irra akka jirtus bal'inaan xiinxalteetti.

Filannoon waliigalaa 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 A.L.I gaggeeffamu, imala Itiyoophiyaan ijaarsa sirna demokiraasii keessatti eegalteef boqonnaa murteessaa akka ta'e dubbistootaaf qopheessitee dhiyeessiteetti.


Gama biraatiin, barruu kana keessatti sagantaa ce’umsa dijitaalaa Itiyoophiyaa, raawwii bara 2025 irraa kaasee hanga galmoota tarsiimoo Dijitaalaa 2030tti, sagantaa misooma biyyaalessaa waliin walitti hidhuun bal’inaan xiinxalameera.

Waltajjii hoggantoota Afrikaa 39ffaa galmoota Ajandaa 2063 waliin walbira qabuun sakatta'uudhaan, dhimmoota ijoo irratti xiyyeeffatteetti.

Itiyoophiyaa fi hojiirra oolmaa waliigaltee naannoo daldala bilisaa Afrikaa sakatta'uun, kaayyoo fi faayidaa waliigaltichaas bal’inaan dhiyeessiteetti.

Qabiyyee ishee murteessoo Mandhaaleerratti xiyyeeffatte keessaa sirna Aadaa waldhabdee Itiyoophiyaanonni itti furatan mata duree “Daandii Araaraa” jedhuun dubbistootaaf dhiyeessiteetti.

Itiyoophiyaa irraa kaasee hanga addunyaatti abjuuwwan, yaaliiwwan, milkaa'ina, ammayyummaa teeknooloojii yeroo ammaa fi fedhii biyya keenyaa kan saayinsii hawaa fi 'GEOSPATIAL' eessaa gara eessatti akka deemaa jiru gadi fageenyaan xiinxalteetti.

Qabeenyi Tuurizimii Uumamaa fi nam-tolcheen badhaadhina Itiyoophiyaati.

Qabeenyi tuurizimii fi miidhaginni Itiyoophiyaa waggoottan dheeraaf dhokatee turee fi erga jijjiiramaa as mul'achuu jalqabes dhimma biraa kan barruun Nagaarii irratti xiyyeeffate dha.

Barruun kun mata duree "Wiirtuu Daangaa Hin Qabne" jedhuun, sadarkaa ga'umsa yaalaa biyya keenyaa fi dhimmoota furtuu ta'an, dhaabbata yaalaa beekamaa tokko akka fakkeenyaatti fudhachuun bal'inaan irratti ibsiteetti.

Nagaariin dhimmoota Hawaasummaa, Dinagdee fi Siyaasaa biroos gadi fageenyaan xiinxaluun dubbistoota isheetiif "Kunoo" jetteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015