Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoonni naannichatti ijaaramaa jiran saffisaan xumuramuu fi tajaajilaaf qophaa'aa akka ta'aniif hordoffii fi deeggarsi ni taasifama – Pireesidaanti Ordin Badri

Caamsaa 14/2018 (ENA): Pireesidaantiin Bulchiinsa Naannoo Hararii obbo Ordin Badrii akka jedhanitti, mana barumsaa moodeelaa sadarkaa lammaffaa fi pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa biroo Naannoo Hararii keessatti ijaaramaa jiran saffisaan xumuramuu fi tajaajilaaf qophaa’aa akka ta’an tattaaffiin ni taasifama.


 

Obbo Ordin Badrii mana barumsaa moodeelaa sadarkaa 2ffaa fi pirojektoota bu’uuraalee misoomaa biroo naannichatti ijaaramaa jiran daawwataniiru.

Pirojektoonni ijaaramaa jiran yeroo ammaa adeemsa gaariirra akka jiranis ibsaniiru.

Keessattuu ijaarsi mana barumsaa sadarkaa lammaffaa moodeelaa ta’e qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa naannichaa daran fooyyessuu keessatti bu’aa guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Dhaloota barnoota ammayyaatiin baratee fi beekumsa qabu guddisuuf gumaachi biyyattiin qabdu olaanaa ta’uu hubachiisaniiru.

Pirojektoonni kunneen saffisaa fi gahumsaan xumuramuu fi guddina hawaasummaa fi diinagdee naannichaaf gumaacha taasisuuf hordoffii fi deeggarsa barbaachisaa ta’e ni taasifama jedhaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015