Tamsaasa Kallatti:

Giddugala gabaa fayyadamtootaa fi oomishtoota kallattiin walqunnamsiisu

Caamsaa 14/2018 (ENA): Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ummanni giddugala gabaa fayyadamtootaa fi oomishtoota kallattiin walqunnamsiisu irraa gatii madaalawaadhaan akka bitatu waamicha dhiyeessan.

Kantiibaan kun fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti “Kottaa gatii madaalawaadhaan bitadhaa” jechuun dabarsaniiru.


 

Giddu-galli kunneen oomisha gatii madaalawaadhaan dhiyeessuun cancala daldaalotaa cabsuun ummataaf kan dhiyeessu banamuu isaaniis ibsaniiru.

Kanaaf jiraattonni Magaalaa Finfinnee wiirtuuwwan gabaa 7 tajaajila kennuu eegalan irraa fayyadamoo akka ta’an waamicha dhiheessaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015