Pirojektiin daandii filannoo Magaalaa Jigjigaa eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’e - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin daandii filannoo Magaalaa Jigjigaa eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’e
Caamsaa 14/2018 (ENA): Pirojektiin daandii filannoo Magaalaa Jigjigaa birrii miiliyoona 672 oliin hojjetame ifatti eebbifamee tajaajilaaf dhiyaateera.
Eebba kanarratti Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad, Ministirri Misooma Magaalaa fi Bu'uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaa obbo Mahaammad Abdu’ahimad, Hogganaa Biiroo Daandiiwwan Naannichaa obbo Idiriis Musee fi kanneen biroo argamaniiru.
Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee Musxafee Mahamamad Pirojektiin daandii filannoo Magaalaa Jigjigaa eebbifamee tajaajilaaf dhiyaate sochii daldalaa, diinagdee fi hawaasummaa magaalichaaf haala mijeessa jedhaniiru.
Daandiin kun hawaasa fayyaduu qofa osoo hin taane bifa magaalattii jijjiiruuf gumaacha olaanaa akka qabus ibsaniiru.
Hojiiwwan misoomaa hunda galeessa erga jijjiiramni dhufee hojjetaman dachaa lama guddisuun fayyadamummaa misoomaa ummataa daran cimsuuf naannichi ciminaan kan hojjatu ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saanii gama isaaniitiin, Pirojektiin Daandii Filannoo Magaalaa Jigjigaa misoomaa fi guddina Magaalaa Jigjigaa saffisiisuu keessatti iddoo guddaa qaba jedhan.
Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaa obbo Mahaammad Abdurahman, bulchiinsi karoora bu’uuraalee daandii biyyaalessaa galmaan ga’uuf hojjechaa jiraachuu eeruun, Pirojektiin Daandii Filannoo Magaalaa Jigjigaas qaama isaa ta’uu ibsaniiru.
Pirojektiin daandii Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaan hojiirra oolche Dhaabbata Ijaarsa Daandii Yirgaleemiin akka ijaarames ibsameera.
Pirojektiin daandii kun kiiloo meetira 7.3 kan uwwisu yoo ta’u, bal’inni isaa meetira 30 akka ta’e gabaasni dhaabbata miidiyaa naannichaa ni mul’isa.