Tamsaasa Kallatti:

Misooma Qonnaa, Qonnaan bultoonni Godina Walloo Kibbaa hojjechaa jiran, karoora birmadummaa nyaataaf humna dabalataa kan ta'udha – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa

Caamsaa 14/2018(ENA): Misoomni qonnaa, qonnaan bultoonni Godina Walloo Kibbaa hojjechaa jiran karoora birmadummaa nyaataaf humna dabalataa akka uumu Itti aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsani.

Itti aanaan ministira muummee ergaa isaaniitiin, qonnaan bultoonni Godina Walloo Kibbaa keessa jiran hojii misooma qonnaa keessa akka jiran dubbataniiru.

Qonnaan bultoonni naannawa Haayiq lafaa fi qonna isaanii jimaa irraa gara kilaastera Muuziitti ceesisanii tarkaanfii misooma haaraa irra jiru jedhaniiru.

Godinichatti Qonnaan bultoonni aanaa Lagamboo fi aanaa Maqdalaa misooma qamadiitiin naannawa isaanii uwwisaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015