Waldaaleen siivikii fi dhaabbileen amantaa marii biyyaalessaa kana akka milkaa’uuf gahee isaanii bahaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Waldaaleen siivikii fi dhaabbileen amantaa marii biyyaalessaa kana akka milkaa’uuf gahee isaanii bahaa jiru
Caamsaa 14/2018 (ENA): Milkaa’ina marii biyyaalessaa kana keessatti waldaaleen siivikii fi dhaabbileen amantaa ga’ee isaanii bahaa akka jiran Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsaniiru.
Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbilee amantaa fi waldaalee siivikii waliin waltajjii galtee walitti qabuu ajandaa walitti qabuu gaggeessaa jira.
Piroofeesar Masfin Ara’ayaa akka jedhanitti, waldaalee siivikii fi dhaabbileen amantaa sadarkaa aanaatti deeggarsaa komishinichaaf taasisaniin abbaa adeemsa kanaa ta’uu mirkaneessaniiru.
Keessattuu, komishinichi erga hundeeffamee waggoota darban keessatti hooggantoonni dhaabbilee amantaa fi bakka bu’oonni waldaalee siivikii gahee olaanaa taphachuu isaanii yaadachiisaniiru.
Dhaabbileen amantaa fi waldaaleen siivikii karaa hooggantoota isaaniitiin hojii aanaalee dhaqqabsiifamuuf gaggeeffamu keessatti adda duree ta’uu eeraniiru.
Adeemsi marii biyyaalessaa eegalame marii fi wal-hubannoon garaagarummaa biyyattii keessatti mul’atu hiikuuf waltajjii faayidaa qabu ta’uu Pireezidaantiin Mana Maree Dhaabbilee Waldaalee siivikii Itiyoophiyaa Ahimad Huseen hubachiisaniiru.
Qaamoleen hundi carraa kana sirnaan fayyadamuu akka qaban himaniiru.
Ajandaa marii biyyaalessaa hunda hammatee fi amansiisaa taasisuuf hojiiwwan gaggeeffaman irratti waldaaleen siivikii fi dhaabbileen amantaa hirmaachuu akka qaban ibsaniiru.