Paartiin Badhaadhinaa duula na filadhaa Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fiicheetti gaggeesse - ENA Afaan Oromoo
Paartiin Badhaadhinaa duula na filadhaa Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fiicheetti gaggeesse
Caamsaa 14/2018(ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fiicheetti sagantaan duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamaa jira.
Sagantaa duula na filadhaa kanaratti Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii, Hoggantuu Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injinar Miliyoon Baqqalaa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa Naannichaa,Godinaa, Anaalee fi kutaaleen hawaasaa aanaalee Godinichaarraa walitti babba’an argamaniiru.
Sanaticharrattis paartiin Padhaadhinaa jijiiramaa booda hojii fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjechuu isaa ibsuun manufestoo filannoosaa beeksifachaa duula na filadhaa gaggeessuun isaa ibsameera.
koomunikeeshinii Godina Shawaa kaabaarraa