Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan dhukkuboota weeraraa adda baasuu fi dandeettii isheetiin kennuu ijaaraa jirti

Caamsaa 14/2018 (ENA): Itiyoophiyaan dandeettii dhukkuboota weerara adda baasuu fi deebii kennuu ofii isheetiin ijaaraa jirti jedhan De’eetaan Ministira Ministeera Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa.

Doktar Darajjee Dhugumaan ENAtti akka himanitti; Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan imaammataa fi haaromsa milkaa’oo ta’an fudhachuun dhaabbilee fayyaa ammayyeessuun dandeettii ittisaa fi wal’aansa dhukkubootaa cimsuu dandeessiseera jedhani.

Kunis dhaabbilee fayyaaf galteewwan yaalaa kennuudhaan qulqullinaa fi dhaqqabummaa tajaajilaa cimsuu akka danda’an haala uumeera jechuun ibsaniiru.

Yeroo weerara ‘Covid-19’ muuxannoon gaariin irraa baratameera jedhani;kunis hanqina qorannoo saamudaa mudate, qaawwi kuusaa oksijiinii fi hospitaalota keessatti kutaaleen yaala cimaa dhabamuu dabalatee barumsi barbaachisaan argameera jedhan.

Itiyoophiyaan dhukkuboota weeraraa ofumaan adda baasuu fi deebii kennuu dandeetti cimsuuf hojjetamaa akka ture hubachiisaniiru.
Akka fakkeenyaatti, Itiyoophiyaan warshaalee oomisha oksijiinii 3 qabdu ture gara 83tti guddisuun, wayita ammaa kiiloo meetira 50 keessatti yaalamtoonni fayyadamuu akka danda’an haalli uumamuu ibsaniiru.

Kanaan dura Hospitaalonni kutaa ciisicha yaala cimaa qaban 70 akka hin caalle yaadachiisuun, yeroo ammaa hospitaalota akkasii gara 198tti guddisuu danda’ameera jedhani.

Walumaagalatti tarkaanfiiwwan riifoormii bu’a qabeessa damee fayyaa irratti fudhataman Itiyoophiyaan dandeettii dhukkuboota weeraraa ofumaan adda baasuu fi deebii kennuuf qabdu cimsuu dandeessisaa jiru jedhan.

Weerara ‘Marburg’ dhiheenya kana mudate guutummaatti adda baasuu fi ittisuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuu ibsaniiru.
Dhibee busaa fi dhibeewwan biroo jijjiirama waqtii irraan kan ka’e akka hin babal’anneef sirna hordoffii fi to’annoo dhukkuboota diriirsuus eeraniiru.

Hojiin hordoffii bu’a qabeessa ta’e hawaasa waliin ta’uun ogeessota gahumsaa fi ogummaa qaban bobbaasuun tatamsa’ina dhukkuboota barnootaa fi leenjiin ittisuu fi deebii hatattamaa kennuu danda’an bobbaasuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015