Tamsaasa Kallatti:

Filannichi nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf gahee keenya bahaa jirra – Dhaabbilee hawaasa siivilii Godina Baalee

Caamsaa 14/2018(ENA):Filannoon waliigalaa 7ffaan nagaa, dimokiraatawaa fi milkaa’aa ta’ee akka xumuramuuf gahee isaanii bahaa akka jiran dhaabbileen hawaasa siivilii godina Baalee keessa jiran beeksisan.
Dhaabbileen kunneen adeemsa filannichaa taajjabuu fi hawaasa keessatti hubannoo gahaa uumuuf sochiiwwan qabatamaa taasisaa akka jiran ibsaniiru.
Pirezdaantiin Federeeshinii Dargaggoota Godinichaa obbo Iissaa Xaahir, miseensonni dhaabbata isaanii loogummaa kamiyyuu irraa walaba ta’een nageenya kabachiisuuf hojjachaa jiru jedhaniiru.
Filannichi nagaa fi dimokiraatawaa ta’ee akka xumuramuuf hawaasa biratti hubannoo uumuu fi odeeffannoo sirrii biraan gahuu keessatti gahee isaanii bahaa akka jiran ibsaniiru.
Gama biraatiin, Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waldaa Dargaggoota Godinichaa obbo Caalaa Geetaachoo, waldichi taajjabdoota filannoof leenjii kennuu isaa dubbataniiru.
Miseensonni waldichaa filannoon waliigalaa 7ffaan milkiin akka xumuramuuf kutannoodhaan hojjachaa akka jiran himanii, miseensota taajjabdummaaf adda bahan kanaan adeemsa filannichaa taajjabuuf leenjiin gahaan kennamuu isaa ibsaniiru.
Dargaggoonni beekumsaa fi muuxannoo leenjii irraa argatanitti fayyadamanii itti gaafatamummaa isaanii akka bahan deeggarsaa fi hordoffiin walitti fufiinsa qabu taasifamaafi akka jirus ibsaniiru.
Filannicha keessatti hirmaannaa ho’aa dubartootaa mirkaneessuuf hojjachaa akka jiran kan ibsan immoo Pirezidaantii Federeeshinii Dubartoota Godina Baalee aadde Gannat Kaasahuun dha.
Filannoo waliigalaa kanaan dubartoonni hirmaannaa ho’aa gochuudhaan dirqama lammummaa isaanii akka bahan miseensonni waldichaa sadarkaa sadarkaan jiran itti gaafatamummaa isaanirraa eegamu bahaa jiru jedhaniiru.
Godina Baaleetti buufataalee filannoo 395 filannoo waliigalaa 7ffaatiif gurmaa’an irratti, miseensonni dhaabbilee hawaasa siivilii kuma 1tti siqan walaba ta’anii gahee taajjabummaa isaanii akka bahan adda baafamuun isaanii barameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015