Tamsaasa Kallatti:

Hojii Misooma koriidaraa Jagooliin deebisanii Misoomsuun hojjetameen Magaalaa Harar bakka gahumsa Turistootaa filatamtuu taasiseera.

Caamsaa 14/2018(ENA): Misoomni koriidaraa haaromsa Jagool keessatti hojjetame magaalittiin bakka filatamaa akka taatu gochuu bira darbee, jiraattotaafis mijattuu akka taatu gochusaa Biiroon Aadaa,Hambaa fi Tuurizimii Naannoo Hararii beeksiseera.

Naannichatti waggoottan darban keessa hambaa Idil-Addunyaa Jagool keessatti hojiin misooma koriidaraa kiilomeetira 22 ol hojjetamuu isaa biirichi ibseera.


 

Biiroon Aadaa,Hambaa fi Tuurizimii Naannichaatti daarektarri Hambaa Injiinar Amiir Ramadaan, hojii misooma koriidaraa waggoottan darban keessa Hambaa Idil Addunyaa Jagool keessatti raawwataman ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniitiinis, naannichatti waggoottan darban keessatti Hambaawwan misoomsuunii fi kunuunsuun fayyadamummaa damee kanaan argamu guddisuuf hojiileen bal’aan hojjetamaa turaniiru.

Hojiiwwan raawwataman keessaa qabeenyoota Hambaa fi seenaa durii jaarraa hedduu lakkoofsisan daawwattootaaf mijataa fi hawwataa gochuuf hojiilee bu’a-qabeessan hojjetaman akka fakkeenyaatti eeraniiru.


Naannichatti qabeenyoota hambaa jiran eeguu fi misoomsuun hojiileen hojjetaman Harar hawwata tuurizimii filatamaa akka taatu kan taasisanii fi yaa'iinsi tuuristoota biyya keessaa fi alaa dabaluun galiin akka dabaluuf gumaacha guddaa gochuu isaa dubbataniiru.

Uummata naannichaa hirmaachisuun, baajata mootummaa irraa tokkollee osoo hin ramadamiin, daandiiwwan keessoo kiilomeetira 22 ol misoomsuun danda'ameera.

Kana malees, naannoo marsaa dallaa Jagool kiilomeetira 3.4 uwwisu irratti hojiin deebisanii misoomsuu fi magariisaan miidhagsuun dhugoomsuun danda’ameera jedhan.

Kanaanis lammiilee kuma 7 ol ta'aniif carraan hojii uumamuu isaa Injiinar Amiir dubbataniiru.


Hojiiwwan qabeenyaa fi beekumsa naannoo irratti hundaa'anii hojjetaman kanaan, haala fi seena-qabeessummaa qabeenya hambaa sanaa miidhagaa gochuun akka danda'ame ibsaniiru.

Hojii kanaan uummatni baadiyaa fi magaalaa, dhaabbileen, akkasumas maatiiwwan diyaaspooraa miira "kan kooti" jedhuun hirmaachuu isaanii eeraniiru.

Gara fuulduraattis hojiileen eegumsaa fi kunuunsa qabeenya hambaa Idil- addunyaa Jagool cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015