Tamsaasa Kallatti:

Lammiileen kaardii filannoo isaanii fudhatan mirga filachuu isaanii akka fayyadaman gargaaruuf duulli hubannoo uumuu gaggeeffamaa jira

Caamsaa 14/2018 (ENA): Lammiileen filannoo waliigalaa torbaffaaf kaardii filannoo argatan mirga filachuu isaanii akka fayyadaman gargaaruuf duulli hubannoo uumuu gaggeeffamaa jiraachuu dhaabbileen hawaasa siivikii ibsaniiru.

Akka sagantaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti, guyyaan filannoon gaggeefamu Caamsaa 24, 2018tti waan gaggeeffamuuf guyyoota muraasatu hafe.

Filannoo waliigalaa 7ffaa baranaa kana irratti lammiileen karaalee adda addaa galmaa’an miiliyoona 50 fi kuma 514 kaardii filannoo isaanii argachuu danda’aniiru.
Filannoo waliigalaa kanaan paartileen siyaasaa morkattoonni 47 walumaa galatti kaadhimamaa 10,934 galmeessuun filannoo imaammataa isaanii karaa miidiyaalee bal’inaan ummataaf beeksisaa jiru.

Dhaabbileen biyya keessaa 55 Boordii Filannoo Biyyaalessaatiin beekamtii argatan filannoo kana taajjabuuf eeyyama kan argatan yoo ta’u, bakka buutonni 60,277 ol immoo naannoo adda addaatti bobbaasamaniiru.

Dhaabbileen waldaalee siivikii 169 barnoota filattotaa irratti beekamtii argatanis barnootaafi leenjii hubannoo uumuu adda addaa filattotaaf kennaa jiru.

Akka dhaabbileen waldaalee siivikii yaada isaanii ENA’f kennan jedhanitti; lammiileen kaardii sagalee isaanii fudhatan mirga filachuu isaanii sirnaan akka itti fayyadamaniif barnoota hubannoo cimsu kennaa jiru.

Pireezidaantiin Waldaa Dubartoota Finfinnee Innaataalam Indaalee jedhanitti filannoon biyyaalessaa mul’ata ijaarsa sirna dimokraatawaa ta’uu ibsaniiru.
Miseensonni waldichaa kutaa magaalota hunda keessa jiran walakkaa miliyoonaa ol ta’an kaardii akka fudhatan kakaasuu eeruun, akkasumas adeemsa kana keessatti dammaqinaan akka hirmaatan hubachiisuu fi beeksisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Akkasumas hanga adeemsi filannoo milkaa’inaan xumuramutti miseensonni waldichaa ga’ee ijaarsaa isaanii akka ba’ataniif waldichi ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Waldaa Dargaggoota Finfinnee obbo Barakat Birbirsaa akka jedhanitti dargaggoonni kaardii sagalee itti kennan akka fudhataniif hojiin bal’aan hojjetamaa turuu hubachiisaniiru.
Ammas dargaggoonni kaardii sagalee isaanii paartii biyyaaf fayyadu akka filataniif hubannoo uumaa jiraachuu himani.

Kanaafis waldichi taajjabdoota kuma 2 fi 228 ol bobbaasuun dabalatatti hawaasa hubachiisuu fi odeennoo kennuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waldaaleen kunneen filannoo waliigalaa torbaffaa milkiin akka xumuramuuf lammiin kamiyyuu itti gaafatamummaa isaa bahuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015