Godina Wallagga Lixaa keessatti daandiiwwan baadiyaa kilomeetira 279 ol ta'uuf hojiin suphaa raawwatame - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallagga Lixaa keessatti daandiiwwan baadiyaa kilomeetira 279 ol ta'uuf hojiin suphaa raawwatame
Caamsaa13/2018(ENA): Godina Wallagga Lixaatti baatiiwan kurnan darban keessatti daandiiwwan baadiyaa kiilomeetira 279 ol ta'an suphamanii tajaajilaaf ga’uu isaanii Waajjirri Damee Suphaa Daandiiwwanii Godinaa beeksise.
Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Anaatoolii Tuufaa ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban keessa godinichatti waliin ga’insa daandii baadiyaatiif hojiiwwan bal'aan hojjetamaniiru jedhani.
Bara baajataa kanatti waliin ga’insa daandii cinaatti, sababa adda addaatiin kanneen miidhaman daandiiwwan kiilomeetira 329 suphuuf karoorfamee, ji'oota kurnan darban keessatti qofa kiilomeetira 279 suphuun akka danda'ame ibsaniiru.
Hojiin suphaa daandii kun sararoota daandii 12 irratti kan raawwatame yoo ta'u, isaanis Aanaalee Aanaaleen, akkasumas Aanaalee Magaalota godinichaa wajjin kan walitti fidu ta'uun isaanii eeraniiru.
Hojii suphaa kanaaf birrii miiliyoona 56 ol baasii akka ta'e kan ibsan obbo Anaatooliin, sararoota daandii suphaman keessaa daandiiwwan Gimbi-Gambeelaa-Hoomaa, Ayiraa-Boondaawoo fi Warra jirruu, Abbaa Eebbaa kan geessan keessatti argamu jedhaniiru.
Suphamuun daandiiwwanii rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee naannichaa hiikuu bira darbee, sochiiwwan hunda galeessa ariifachiisuun lammiilee hedduufis carraa hojii uumuusaa dubbataniiru.
Keessattuu godinichatti bunni sadarkaa olaanaadhaan akka oomishamu yaadachiisanii, ijaaramuun daandii qonnaan bulaan buna dabalatee oomishaalee qonnaa oomishu salphaatti gara gabaatti geessuun fayyadamummaa isaa akka dabalu ibsaniiru.
Nageenyi yeroo ammaa godinicha keessatti bu'e hojii suphaa daandii fi hojiiwwan misoomaa biroo hojjechuuf gumaacha guddaa akka taasise hogganaan kun eeranii, daandiiwwan miidhaman suphamanii geejibaaf mijatoo ta'uun isaanii hojiiwwan misoomaa biroos ariifachiisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.
Jiraataan aanaa homaa qonnaan bulaa Ashaafii Jamaal akka jedhanitti, suphaan daandiiwwaniif taasifame kanaan dura sababa miidhamuu daandiitiin rakkina irra gahaa ture hambiseera.
Walitti dhufeenya hawaasummaa fi sochii dinagdee uummataa saffisiisuun caalaatti fayyadamaa gochuuf murteessaa ta'uus ibsaniiru.
Naannoo isaaniitti bal'inaan kan oomishamu bunaa fi oomishaalee qonnaa biroo gara gabaa naannolee adda addaatti dhiyeessuun gatii gaariidhaan gurguruufi fayyadamummaa dinagdee isaanii guddisuuf akka dandeessises dubbataniiru.
Qonnaan bulaan daandiiwwan suphaman kunniin yeroo dheeraaf tajaajila akka kennaniif eegumsaa fi kunuunsa barbaachisaa akka taasisanis dabalanii dhaamaniiru.