Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti hojiin dhibee Busaa Ittisuu fi to’achuuf dandeessisu haala uummata hirmaachiseen hojjetamaa jira

Caamsaa13/2018(ENA): Godina Wallagga Bahaatti rooba Gannaa hordofee weerara dhibee busaa ittisuu fi to’achuuf hojiiwwan dandeessisan haala hawaasa hirmaachiseen hojjetamaa akka jiru Waajjirri Fayyaa Godinichaa beeksiseera.
Waajira Fayyaa Godinichaatti dursaan garee ittisaa fi to’annoo weerara dhibee Busaa obbo Baay’isaa Ayyaanaa akka ibsanitti; Ganni seenuun walqabatee weerara dhibee Busaa mudachuu danda'u to’achuuf amma irraa eegalee hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru jedhani.
Haaluma kanaan, hojiin keemikaala farra-dhibee Busaa biifuu fi Agoobora siree raabsuu dursa kennuun hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hojiin qulqullina naannoos haala hawaasa hirmaachiseen raawwatamaa jira jedhaniiru.
Naannolee caalaatti dhibee Busaaf saaxilamoo ta’aniif hojii keemikaala biifuu gaggeessuuf keemikaalli liitiriin kumni shan ta'u dhihaachuusaa ibsaniiru.
Hojiiwwan jalqabaman caalaatti bu'a qabeessa taasisuuf, jiraattota naannichaa qindeessuun bakkeewwan bookeen Busaan itti wal hortu duulaan qulqulleessuun raawwatamaa akka jirus dubbataniiru.
Kana malees ogeeyyiin fayyaa manaa manatti deemuun sakatta’iinsa gaggeessuun namoota mallattoon dhibee busaa irratti mul’atu gara dhaabbilee fayyaatti geessuun akka qorataman gochaa akka jiran obbo Baay’isaan ibsaniiru.
Dhaabbilee fayyaa godinichaa keessatti qorichi dhibee busaa fi tajaajilli yaalaa gahaan akka guutamu kan taasifame yoo ta’u, aanaalee kudha torban hunda keessattis raabsaan agoboraa ittisa dhibee busaa raawwatamuusaa ibsaniiru.
Hawaasni qulqullina akka aadaatti fudhachuun bishaan kufamee jiru dhangalaasuu fi daggala tamsaa'ina dhibee busaaf mijatoo ta'an qulqulleessuu irratti hirmaachuu akka qabu dhaamaniiru.
Jiraattonni godinichaas dhibee busaa ittisuun fayyaa isaanii eeggachuuf naannoo isaaniitti gurmaa’anii hojjechaa akka jiran dubbataniiru.
Ogeeyyiin fayyaa hanga ganda isaaniitti argamuun qulqullina naannoo isaanii eeggachuun akkamitti dhibee busaa irraa of ittisuu akka qaban gorsa kan kennan ta’uun, qajeelfama kennameefis hojiirra oolchaa akka jiran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015