Naannoo Oromiyaatti bara kana qonna Arfaasaarraa oomisha ga’aa argachuuf eegumsaa fi kuunsurraatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti bara kana qonna Arfaasaarraa oomisha ga’aa argachuuf eegumsaa fi kuunsurraatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Camsaa 13/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara kana qonna Arfaasaan sanyii midhaanii facaafamaniif hojiin eguumsaa fi kunuunsaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Bariisoo Fayyisaa ENAtti akka himanitti, naannichatti bara kana qonna waqtii Arfaasaan lafa heektaraa miliyoona 1.9 irratti oomishaalee adda addaan misoomsuun calla kuntaala miiliyoona 46 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhani.
Qonnaan bultootaaf galteewwan omishaaf omishtumma dabalan akkasumas tekinoolojiiwwan qonnaa dhiyaachuu ibasaniru.
Naannichatti qonna Arfaasaa lafa hektaara miliyoona 1.9 kan karoorfamee lafa hektara miliyoona 1.99 irratti sanyii gosotaa garaagaraan uwwisameera jedhan.
Naannichatti bara kana qonna Arfaasaarraa oomisha ga’aa argachuuf eegumsaa fi kuunsurraatti xiyyeeffannoo addaa taasisuun hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhani.
Obbo Bariisoon akka jedhannitti,yeroo amma hojiin eguumsa fi kunuunsa midhaanii bal’inaan hojjetama kan jiruu yoo ta’u, keemikaalonni farra aramaa fi farra ilbiisootaa qonnaan bultootaaf dhiyyaachaa jiraachuu himaniru.
Akkasumas qonnaan bultoonii maatii isaanii hawaasaa naannoo waliin bifa gurmiitiin sanyii faca’ee biqile shooggaraa fi aramaa jiru jedhaniiru.
Bara kana roobni waqtii Arfaasaa yeroon haala gahaa ta'een waan roobeef qonnaan bultoonnis haamilee guutuun,hojii kana hojjechaa jiru jedhaniiru.
Qonnaa waqtii Arfaasaa kanaa irratti ogeeyyii fi hoggantoonni sadarkaan jiran lafa qonnaa dursanii qopheesuurraa eegalee qonnaan bultootaaf gorsa ogummaa fi deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Naannichatti Godinaalee 11 qonni Arfaasaa bal’inaan itti omishamu keessaa Godinaaleen Boorana Bahaa, Gujii, Arsii, Harargee Bahaa fi Lixaa, Baalee Bahaa fi Godinaalee Shawaa Bahaa ni argamu.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA