Hospitaalota waliin qindoomanii hojjechuun hojiiwwan qorannoo fayyaa caalaatti bu'a qabeessa taasisuuf dandeessisa - ENA Afaan Oromoo
Hospitaalota waliin qindoomanii hojjechuun hojiiwwan qorannoo fayyaa caalaatti bu'a qabeessa taasisuuf dandeessisa
Caamsaa13/2018(ENA) : Hospitaalota waliin caalaatti qindoomanii hojjechuun qorannoo furmaata fayyaa uummataa ta'an bu'a qabeessa gochuuf akka dandeessisu Daarektarri Olaanaan Instituutii Qorannoo Armaawar Hansan Piroofeesar Afawarqi Kaasuu ibsan.
Instituutiin Qorannoo Armaawar Hansan Hospitaala Ispeeshaalayizdii Qiddus Pheexiros, Tajaajila deeggarsa Qaama Itiyoophiyaa (EPOS) fi Hospitaala Waliigalaa Ekkaa Kotobee waliin qindoominaan hojjechuuf kan dandeessisu sanada walii galtee mallatteessee jira.
Daarektarri Olaanaan Instituutii Qorannoo Armaawar Hansan Piroofeesar Afawarqi Kaasuu wayita sana akka ibsanitti, walii galteen kun dhaabbilee sektera fayyaatiin uummata Itiyoophiyaatiif furmaata waaraa kennuu danda'an waliin caalaatti hojjechuuf faayidaa gudddaa qaba.
Qunnamtii Hospitaalota Federaalaa waliin jiru gara dhaabbatummaatti fiduun, hojiiwwan qorannoo kallattiin uummata fayyadan hospitaalota adda addaa keessatti hojjechuuf akka dandeessisu dubbataniiru.
Walii galteen har'aa hariiroo kana kan cimsu ta'uu ibsuun, kunis kenninsa qulqullina tajaajila fayyaa eegsisuuf gaheen isaa olaanaa akka ta'e dubbataniiru.
Hojiiwwan qorannoo bal'isuuf gara fuulduraatti hospitaalota biroo, buufataaleen fayyaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo waliin walii galtee mallatteessuun faayidaa biyyaatiif akka oolu kan taasifamu ta'uu eeraniiru.
Gama biraatiin, hogganaan hojii tajaajila Deeggarsa Qaamaa (EPOS) Doktar Taarikuu Taaddasaa, dhaabbata guddaa fi filatamaa akka Armaawar Hansan waliin hojjechuun hojiiwwan qorannoo tajaajilichaa fuulduraatiif murteessaa ta'uusaa ibsaniiru.
Walii galteen kun keessattuu kalaqawwan teekinoolojii fooyya'oo (Innovations) oomishuuf, meeshaalee alaa galan biyya keessaan bakka bu'uuf fi gahuumsa namoota deeggarsa qaamaa barbaadaniidhaaf tajaajila bal'isuuf dandeettii guddaa kan uumu ta'uun ibsameera.
Hojii gaggeessaa olaanaan Hospitaala Ispeeshaalayizdii Qiddus Pheexiroos Doktar Abirahaam Asheetuu, Instituutiin Qorannoo Armaawar Hansan keessattuu yaalaa fi qorannoo TB (daranyoo sombaa) irratti milkaa'ina guddaa galmeessisuu isaa yaadachiisaniiru.
Qorannoo fi qo'annoo sadarkaa Addunyaatiin hojjechuuf institiyuuticha waliin tumsuun hospitaalichaaf dandeettii guddaa akka uumu ibsaniiru.
Kanaan dura Armaawaa Hansan waliin hojiiwwan waliin jalqaban bu'aawwan jajjabeessoo hedduu argamsiisuu kan dubbatan immoo Hojii gaggeessaa Hospitaala Eekka Kotobee Doktar Magarsaa Alamuuti.
Dhaabbilee akkasii waliin bal'inaan hojjechuun sektera fayyaa keessatti jijjiirama gaarii hedduu fiduu akka danda'u amantaa qaban ibsaniiru.
Walii galteen kun dhaabbileen kunniin caalaatti walitti dhiyaatanii akka hojjetan kan dandeessisu yoo ta'u, dhimmoota ijoo irratti xiyyeeffataman keessaa leenjiiwwan ijaarsa dandeettii, hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasummaa keessatti akka ta'e ibsameera.