Hariiroo seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa gara sadarkaa olaanaatti kan guddise hojiin dippiloomaasii milkaa’aa hojjetameera - ENA Afaan Oromoo
Hariiroo seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa gara sadarkaa olaanaatti kan guddise hojiin dippiloomaasii milkaa’aa hojjetameera
Caamsaa 13/2018 (ENA): Hariiroo seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa gara sadarkaa olaanaatti kan guddise hojiin dippiloomaasii milkaa’aa hojjetameera jedhan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo.
Hariiroon biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu Itiyoophiyaa gara marsaa olaanaatti akka tarkaanfatu kan dandeessise hojiin dippilomaasii milkaa’aan hojjetamuusaas ibsaniiru.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo taateewwan gurguddoo waltajjiiwwan dippilomaasii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu irratti raawwataman irratti ibsa Miidiyaaleef kennaniiru.
Ibsa kennaniin, torbee darbe waltajjiiwwan dippilomaasii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu irratti hojjetamee tumsa, walta’iinsaa fi carraa invastimantii Itiyoophiyaa mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.
Waltajjiiwwan qunnamtii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduunis hirmaannaa dippilomaasii cimaa fi dammaqina qabeessa ta’e akka dandeessisan yaadachiisaniiru.
Fakkeenyaaf, walii galteen biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Ameerikaa gidduutti taasifameen michummaa seena qabeessaa fi cimaan biyyoota lamaanii waggoota 120 oliif kan turee fi dhaabbataa taasisuu isaa dubbataniiru.
Waltajjiin marii caasaa biyyoota lamaanii fi waliigalteen biyyoota gidduutti taasifames hariiroo dippilomaasii cimsuu fi hariiroo naannoo fi idil-addunyaa cimsuu isaa ibsaniiru.
Waliigalteen biyyoota lamaanii kun tumsa daldalaa fi invastimantii, nageenyaa fi ittisa biyyootaa sadarkaa haaraatti ceesisuun badhaadhina diinagdee waliinii mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uus hubachiisaniiru.
Mariin dippilomaasii hoggantoota olaanoo mootummaa Itiyoophiyaa fi Ameerikaatiin gaggeeffame michummaa seenaa gara walta’iinsa guddaatti jijjiiruu keessatti hiika guddaa akka qabu ibsaniiru.
Waltajjiiwwan biyyoota lamaanii irrattis fakkeenya guddina diinagdee fi badhaadhina Itiyoophiyaa fi haala ji’oo-siyaasaa Gaanfa Afrikaa irrattis mari’achuu ibsaniiru.
Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakiroon daawwannaa hojiif Itiyoophiyaatti taasisanis waliigalteewwan tumsaa michummaa seena qabeessa biyyoota lamaanii daran cimsan mallatteessuun isaanii ni yaadatama.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii waggaa 80ffaa hundeeffama Itiyoophiyaa, ergama nagaa eegsisuu milkaa’aa fi seenaa waliin qabdu yaadachuuf ashaaraa addaa kaa’uu isaa eeraniiru.
Itiyoophiyaan tumsa dippilomaasii biyyoota hedduu fi walitti dhufeenya seenaa qabduuf kutannoo qabaachuu isheetiif ragaadha jedhan.
Walgahii Ministiroota Dhimma Alaa ‘BRICS’ Hinditti gaggeeffame irrattis Itiyoophiyaan sirni biyyoota hunda tajaajilu haqaan akka diriiru ejjennoo qabdu ibsiteetti.
Walgahii ‘BRICS’ kanaan alattis hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf biyyoota miseensa ta’an waliin marii bu’a qabeessa ta’e gaggeessuu isaanii ibsaniiru.
Dippilomaasii lammiilee giddu galeessa godhateen nageenya lammiilee Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa fi Sa’uudii Arabiyaa keessa jiraatan mirkaneessuuf mariin gaggeeffamaa akka tures eeraniiru.
Itiyoophiyaan abbummaa haqa qabeessa, seera qabeessa, teessuma lafaa fi seenaa Buufata galaanaa kanarratti qabdu irratti hubannoo uumuuf tattaaffiin dippilomaasii taasifamu cimee itti fufuus mirkaneessaniiru.