Ijaarsi warshaa xaa’oo biyya keenya keessatti ijaaramuun isaa wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu ni saffisiisa - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi warshaa xaa’oo biyya keenya keessatti ijaaramuun isaa wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu ni saffisiisa
Caamsaa 13/2018 (ENA): Ijaarsi warshaa xaa’oo biyya keenya keessatti ijaarame tattaaffii wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Tiraanisfoormeshinii Qonnaa Dr. Mandefiroo Nugusee.
Mariin paanaalii ENA fi Ministeerri Qonnaa waliin ta’uun mata duree “hirkattummaa irraa gara Omishtummaatti” jedhuun qopheessan magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira.
Dr. Maandafiro Nugusee waltajjicha irratti argmuun akka himanitti, birmadummaa nyaataa mirkaneessuun dhimma lubbuun jiraachuu akka ta’e dubbataniiru.
Galteewwan wabii nyaataa mirkaneessu biyya keenya keessatti argamu akka jiru himaniiru.
Xaa’oon biyya keessatti akka oomishamuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru.
Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf imala saffisiisuu keessattis gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni midhaan kilaastaraan deeggaramee fi qorannoodhaan omishuun oomishtoota bu’aa argamsiisan akka ta’aniif tattaaffiin taasifamaa akka jirus beeksisaniiru.
Lafti kamuu lafa hin bahuu hin qabu jechuun hojiiwwan Ministirri Muumee Dr. Abiyyi Ahimad jalqaban bu’aa qabatamaa argamsiiseera jedhan.
Naannoleen waliin hojjechuun muuxannoo isaanii wal jijjiiruun jireenya hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uuf carraaqqii gochuu akka qabanis akeekaniiru.
Biyyi tokko cimtee yoo hojjette ,akka biyyaatti hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uu ni dandeessi jedhani.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA