Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan kadhannaa dhimmoota biyyaalessaa irratti Finfinneetti gaggeeffama

Caamsaa 13/2018(ENA) : Sagantaan kadhannaa biyyaalessaa Caamsaa 16/2018 Paarkii Araadaatti akka gaggeeffamu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa beeksise.

Barreessaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa Qeesiis  Taagaay Taaddalaan dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, dhimma biyyaarratti sagantaan kadhannaa Addabaabayiitti gaggeeffama jedhan.

Imalli misoomaa Itiyoophiyaan caalmaa akka milkaa’uu, faayidaan biyyaalessaa akka kabajamu, akkasuma nageenyaa fi tokkummaa ijaaruu tilmaama keessa galchuun sagantaa qophaa’e ta’uu ibsan.

Kadhannaan biyyaalessaa kun Dilbataa dhufu waaree booda sa’aatii 9:00 jalqabee Paarkii Araaddaatti kan gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru.

Dureewwan amantaalee, hoggantoonni mootummaa, paartileen siyaasaa, jaarsoliin biyyaa, bakka buutonni Boordii Filannoo Biyyaalessaa, Komishinii Maree Biyyaaleessaa, akkasuma keessummoonni waamichi taasifameef sagantichaarratti ni hirmaatuun eegama.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015