Gargaaramummaa jalaa ba'uu dhimma kabajaa godhatanii hojjechuun barbaachisaadha-Doktar Biqilaa Hurrisaa - ENA Afaan Oromoo
Gargaaramummaa jalaa ba'uu dhimma kabajaa godhatanii hojjechuun barbaachisaadha-Doktar Biqilaa Hurrisaa
Caamsaa13/2018(ENA): Gargaaramummaa jalaa ba'uun dhimma birmadummaa fi kabaja biyyaalessaa waan ta'eef, milkaa'ina kanaaf qindoominaan tattaafachuun akka barbaachisu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddu-gala Ijaarsa Sirna Demokiraasii Doktar Biqilaa Hurrisaa hubachiisan.
Mariin paanaalii mata duree “gargaaramummaa irraa gara omishtummaatti” jedhu ENA fi Ministeerri Qonnaa waliin qopheessan magaalaa Dirree Dhawaatti geggeeffamaa jira.
Doktar Biqilaa Hurrisaa waltajjii kana irratti barreeffama ka’umsaa marii paanaaliif ta'u dhiheessaniin, midhaan gargaarsaan dhaloota itti fufsiisuun akka hin danda'amne ibsaniiru.
Birmadummaan guutuun, birmadummaa nageenya biyyaalessaa, birmadummaa nyaataa,birmadummaa dinagdee,birmadummaa imaammataa,akkasumas birmadummaa aadaa fi eenyummaa ta’uu ibsaniiru.
Kanas ka'umsa godhachuun, akka biyyaatti gargaaramaa ta'anii misooma, fedhii, bilisummaa akkasumas, dhaloota itti fufsiisuun waan yaadamuu miti jedhan.
Warri gargaarsa kennan fedhii isaanii akka raawwannu nu dirqisiisuun isaanii akka hin oolle beekamee, gargaaramummaa jalaa ba'uun omishtoota ta'uun dhimma birmadummaa guutuuti jedhaniiru.
Gargaaramummaan garbummaa waan dhaluuf hanbisuu qabna jedhaniiru.
Balaawwan nam-tolchee fi uumamaa mudachuu danda'aniif dandeettii keenya ofiin ijaaruu akka qabnu hubachiisaniiru.
Birmadummaa biyyaalessaa guutuu ta'e keessaa gara alaatti mirkaneessaa deemuun barbaachisaa dha jedhaniiru.