Tamsaasa Kallatti:

Hojiin Birmadummaa guutuu mirkaneessuuf hojjetamaa jiru cimee itti fufa

Caamsaa 13/2018 (ENA): Hojiileen adda addaa birmadummaa guutuu mirkaneessuuf hojjetamaa jiran cimee itti fufu jedhan kantiibaa itti aanaan Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa obbo Ibraahim Yuusuf.


 

Mariin paanaalii ENA fi  Ministeerri Qonnaa waliin ta’uun mata duree “hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti” jedhuun qopheessan magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira.

Ibraahim Yuusuf haasaa waltajjicharratti taasisaniin hojiiwwan jijjiirama waggoota darban keessatti bu’aa qabatamaa argamsiisan ibsaniiru.

Yaad-rimee ida’amuu keessatti hojiin kutaalee hawaasaa hunda hirmaachise hojjetamuu isaas beeksisaniiru.

Kunis bu’aa ba’ii ummata dammaqsee fi fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneesse ta’uu himaniiru.

Sammuu hirkattummaa dhabamsiisuu keessatti gaheen ummataa olaanaa ta’uu, bulchiinsi Dirree Dhawaa hojii hirkattummaa dhabamsiisuu fi oomishtummaa guddisu raawwachuu isaa ibsaniiru.

Wabii nyaataa mirkaneessuu fi qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuu keessatti bu'aan argamuu eeraniiru.

Birmadummaa guutuun kan ijaaramus wabiin nyaataa yeroo mirkanaa’u ta’uu dubbataniiru.

Hojiiwwan birmadummaa nyaataa mirkaneessuu waliin walqabatan cimee itti fufuu ibsuun, kanaafis gaheen waltajjichaa barbaachisaa ta’uu hiamni.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015